Tajaajilli Oduu Itoophiyaa dhaabbata angafa biyyaaf oolmaa guddaa ooledha - ENA Afaan Oromoo
Tajaajilli Oduu Itoophiyaa dhaabbata angafa biyyaaf oolmaa guddaa ooledha

Tajaajilli Oduu Itoophiyaa dhaabbata angafa biyyaaf oolmaa guddaa ooledha
Amajjii 21/2016(TOI) - Tajaajilli Oduu Itoophiyaa dhaabbata angafa biyyaaf oolmaa guddaa ooledha jedhan Kantiibaan magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebee.
Tajaajilli Oduu Itoophiyaa gamoo ammayyaa tajaajila midiyaaf ooluu ijaarsise har'a eebbisiiseera.
Kantiibaa bulchiinsa magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebee sirna eebba gamoo kanarratti argamuun TOI tekinolojii ammaayyaa miidiyaan bara kana barbaaduun ofi ijaareera jedhaniiru.
TOI waggoota hedduuf oduu fi Odeeffannoo biyya keessaa fi alaatii hawaasaaf dhiheessaa turuu yaadachiisaniiru.
Ammas tekinolojii ammayyaan ofi ijaaruu isaa hubachuu himanii; dhugaa Itoophiyaa addunyaatti beeksisuuf humna isa dandeesisuu horachuu danda'uusaa hubachuus dubbataniiru.
TOI tekinolojii qofaa osoo hin taane humna namaa fi bu'uuraalee misooma midiyaaf barbaachisaniin ijaaramuu isaa hubachuus himaniiru.
Dhugaa Itoophiyaa addunyaa beeksisuu keessaatti caalaatti cimee hojjechuu akka qabus hubachiisaniiru.
Gamoon ammaayyaa Tajaajilli Oduu Itoophiyaa ijaarsisee eebbisisee kun naannawwichaafis miidhagina biraa ta'uu himaniiru.
Gara fuula duraatti bulchiinsi magaalichaa deeggarsa barbaachisaa hudaa taasisuuf qophiidha jedhaniiru.
Gamoon ammaayyaa tajaajila hojii miidiyaaf ooluu kan Tajaajilli Oduu Itoophiyaa har'a eebbisiise sadarkaa tekinolojiin miidiyaa yeroo ammaa irra gahee kan guuttate yoo ta'u; Istiidiyoowwaan televizhiinii sadii fi Raadiyoo afur qaba.
Dabalataan kutaalee tajaajila biiroof oolan baay'ee, galmoota walgahii, mana kitaabaa, bakka bashananaa fi bakka jiminazeemii ammaayyaas of keessaa qaba.
Erga hundaa'ee waggoota 80 ol kan ta'ee Tajaajilli Oduu Itoophiyaa ergama isaa waliigaltee biyyaalessaa uumuu fi ijaarsa maqaa gaarii biyyaa mikeesuuf Oduu fi odeeffannoo Oduu waliin wal qabatan dhiheessa jira.
Kanaafis sadarkaa biyyaatti dameewwaan 38 banuun yeroo dhihoo kan jalqabe afaan Affaarii fi Somaalee dabalatee Afaan Amahaaraa, Afaan Oromoo fi Afaan Tigireen madda oduu amanamaa ta'ee itti fufeera.
Afaan Ingilizii, Afaan Arabaa fi afaan Faransaayiin maqaa gaarii fi dhugaa Itoophiyaa addunyaa bira akka gahu taasisaa jira.