Mariin Biyyaalessaa rakkoo hunda galeessa Itoophiyaa karaa waaraa furuuf kan dandeesisuudha - ENA Afaan Oromoo
Mariin Biyyaalessaa rakkoo hunda galeessa Itoophiyaa karaa waaraa furuuf kan dandeesisuudha

Amajji 16/2016(TOI) - Mariin Biyyaalessaa rakkoo hunda galeessa Itoophiyaa karaa waaraa furuuf kan dandeesisu ta'uu eeggataan Pirezidaantii Yuunivarsiitii Finfinnee doktar Saamu'eel Kifilee beeksisan.
Waliigaltee fi Marii biyyaalessaaf gahee hayyootaa mata duree jedhuun waltajjiin Yuunivarsiitiin Finfinnee fi Komishiiniin Marii Biyyaaleessa qopheessan geggeeffama jira.
Waltajjiin kun Yuunivarsiitii Finfinneetti geggeeffama jiru kanarratti hoggantoonni dhaabbilee lamaniiyyuu kan argaman yoo ta'u raqaan qorannoo mariif ta'u dhihaate irratti mariyatama jira.
Eeggataan Pirezidaantii Yuunivarsiitii Finfinnee dokta Saamu'eel Kifilee addunyaarratti biyyoonni hedduun karaa marii biyyaalessaan rakkoo isaanii furataniiru jedhaniiru.
Itoophiyaanis waggoota hedduuf rakkoo ishee furachaa dhuftuus ammaas waantoota irratti walii hin gallee fi waantoota irra hin ceenee marii biyyaalessaa kanaan furachuu qabdi jedhaniiru.
Hojiirra oolmaa isaafis beektoota muraasa qofaa osoo hin taane hayyoota dabalatee hawaasni bal'aan bal'inaan irratti hirmaachuu qabu jedhaniiru.
Kana keessaatti caalaatti immoo hirmaannaa fi deeggarsi hayyootaa olaanaa ta'uu akka qabu eeraniiru.
Yuunivarsiitiin Finfinnee waltajjiiwwaan marii dhimmoota kana waliin wal qabatan geggeesuun gahee isaa kan bahu ta'uu eeraniiru.
Komishiinii Marii Biyyaalessaatti itti aantuun komishinaara olaanaa Komishinar Hiruut Gabrasilaasee adeemsi marichaa yeroo ammaa adeemsa ajandaa marii adda baasuurra gaheera jedhaniiru.
Adeemsa kana keessaatti gahee addaa kan qaban ta'uu eeranii, kanaaf milkaa'ina marii kanaaf deeggarsaa fi hirmaanna cimaa akka taasisani gaafataniiru.