Godina Boorana bahaatti biqiltuun miliyoonni 11 dhaabbiif qophaa'aniiru.

Amajjii 16/2016(TOI) - Godina Booraanaatti manacaatii qabeenya uumamaa karaa waaraan ittisuuf kan gargaaru biqiltuun miliyoonni 11 ol dhaabbiif qophaa'uu Waajjirri Qonnaa godinichaa beeksiseera.

Wajjirichatti ogeessii qabeenya uumamaa obbo Aliyyii Arbaa; godinichatti bara kana biqiltuun miliyoonni 35 fi kuma 400 dhaabbiif ni qopheeffamu jedhaniiru.

Kana keessaa hanga ammaatti godinichatti aanaalee 8 keessaatti buufatalee biqiltuu dhuunfaa fi mootummaa keessaatti biltuun miliyoonni 11 fi kumni 400 qophaa'uu himaniiru.

Godinni Booranaa godina yeroo baay'ee irra deddebiin hongeen miidhamu ta'uu yaadachiisanii; biltuu dhaabuun rakkoo kana salphisuuf akkasuma waaraaan ittisuuf hojjetama jira jedhaniiru.

Bilqtuun qophaa'uu kunis ganna dhufu dhaabuuf lafa qabeenyi uumamaa irraa manca'ee heekataara kuma 6 fi 987 irra dhaabuuf hojiin bakka dhaabbii adda baasuu hojjetamuu himaniiru.

Godinicha aanaalee hundaatti buufataalee biqiltuu 43 keessatti gosti biqiltuu bosonaa, muka gaaddisa ta'u, nyaata beelladaa fi kuduraalee qophaa'a jirachuu himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015