Naannoo Oromoiyaatti bara kana hojiin misooma sulalaa qindaa'aan lafa heekataara miliyoona 3.2 irratti ni hojjetama

446

Amajji 9/2016(TOI) - Naannoo Oromoiyaatti bara kana hojiin misooma sulalaa qindaa'aan lafa heekataara miliyoona 3.2 irratti hojjechuuf hojiin jalqabamuu Sadarkaa itti aanaa Pirezidaantiitti qindeessaan kilaasteera baadiyyaa obbo Abduramaan Abdallaa beeksisan.

Obbo Abduramaan Abdallaa godina Shawaa Bahaa aanaa Adaa'aa ganda Gobaa Sooyyeetti hojii misooma sululaa qindaa'aa jalqabsiisaniiru.

Obbo Abduramaan akka himanitti; hojii misooma sululaa waggoota daraba hojjetamaniin oomishinii fi oomishitummaan qonnaa dabaleera.

Hojiin kun horiisa Kannisaa fi beelladaarratti dargaggoota hedduuf carraa hojii uumuu eeraniiru.

Naannichatti bara kana hojii misooma sululaan sululaawwan kuma 60 fi 400 irratti hojii daagaa hojjechuu akkasuma hojii ittisa biyyee fi bishaanii hojjechuun har'a irra jalqabamee eegaluu himaniiru.

Hojiin kun guyyoota 60f kan turu yoo ta'u uummanni miliyoona 9.8 akka hirmaatu himaniiru.

Hojii misooma sululaa amma hojjetamaa jiru kanarratti waqtii gannaa fuduraalee fi akkasuma biqiltuuwwaan bosonaa kan dhaabaman ta'uu eeranii, kanaafis biqiltuun biliyoonni 5.5 qophaa'a jira jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015