Naannoo Oromiyaatti hojiin misooma sululaa bara kanaa jalqabame

Amajji 9/2016(TOI) - Naannoo Oromiyaatti hojiin misooma sululaa bara kanaa jalqabame

Sagantaan jalqabsiisa misooma sululaa kun naannichaa bakka adda addaatti geggeeffamaa jira.

Hojiin kun godina Shawaa Bahaa, Baalee, Shawaa Lixaa, Jimma, Boorana fi Wallagga Bahaatti jalqabamuu ripoortaroonni TOI gabaasaniiru.

Hojiin misooma sululaa kun guyyoota jaatamannan dhufaniif kan hojjetaman yoo ta'u kutaaleen hawaasa adda addaa bal'inaan irratti ni hirmaatu jedhameera.

Hojii kanaan sululaawwaan kuma 6 fi 400 irratti lafti heektaarri miliyoona 3 ol ni misooma jedhameera.

Odeeffannoon Biiroo Qonnaa naannichaarra argame akka mul'isutti; hojiin misooma sululaa kun sababa adda addaan lafa miidhaan irra gahe tutuqaarra bilisa taasisuu, madda bishaanii gabbisuu fi kununsa biqiltuu ni hammata jedhata.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015