Balfa deebi'ee hojiirra oolerraa galiin birrii miliyoonni 746 ol argame.

499

Amajji 8/2016 (TOI) - Ji'oota jahan darban balfa toonii kuma 44 deebi'ee hojiirra oolfamerraa galiin birrii miliyoona 746 argamuu Ejensiin Bulchiinsa Qulqullina Finfinnee beeksise.

Daarekatarri jiddugala deebisanii fayyadamuu ejensichaa Baayush Taaddasee TOI tti akka himanitti; Ejensichi qulqullinaa fi bareedina magaalichaa eeguun cinaatti hojii balfa akka madda galiitti deebisee itti fayyadamuurratti cimsee hojjechaa jira.

Haaluma kanaan bara baajataa kanatti ji’oota jahan darbanitti Birrii miiliyoona 636 argachuuf karoorfamee Birriin miiliyoona 746 ol argamuu himaniiru.

Raawwiin isaas karoora ol ta'uu himanii bara darbe yeroo walfakaataa waliin wal bira qabamee yoo ilaalamu immoo kan bara kana caalmaa harka 14 qabachuu himaniiru.

Balfa magaalattii keessaa dhibbeentaan 65 kompostii uumamaaf kan ooluu ta'uu himanii; haaluma kanaan bara karoorichaatti ji'oota jahan darabanitti xaa’oo uumamaa toonii kuma 1 fi 733 haala kanaan qophaa'uu himaniiru.

Magaalichatti waldaaleen 300 ol ta’an gurmaa’anii damee balfa deebisaanii fayyadamuu kanarratti hojjechaa jirachuu himaniiru.

Haaluma kanaan hojiin kun walakka bara bajatichaa qofaatti namoota 480 ta'aniif carraa hojii uumeera jedhaniiru.

Balfa bal’inaan deebi’ee fayyadamuuf waldaaleen damee kanarratti bobba’an bakka hojii gahaa akka argataniif qaamolee dhimmi ilaallatu waliin qindoominaan hojjetamaa jiras jedhan.

Magaalattii bareedduu fi qulqulluu taasisuuf jiraattonni balfa haala sirrii ta’een walitti qabuu fi gatuu akkasuma madda galii ta’uu isaa hubachiisuuf hojiin hubannoo uumuu hojjetamuu kennamuu yaadachiisaniiru.

Odeeffannoon ejensicharraa argame akka mul’isutti bara baajataa darbe keessa balfa toonii kuma 86 ol deebi’ee hojiirra oole irraa galiin birrii biliyoona 1 ol argameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015