Hidhawwan anniisaa maddisiisan dalaliin osoo hinguutamiin yeroo dheeraaf akka tajaajilan taasisuuf hojjetamaa jira

149

Amajjii 08/2016(TOI)- Hidhawwan anniisaa maddisiisan dalaliin osoo hinguutamiin yeroo dheeraaf akka tajaajilan taasisuuf misoomni suluaa fi hojiin magariisaa bal’inaan hojjetamaa akka jiru ninistirri bishaanii fi inarjii injiinar Haabtaamuu Ittafaa ibsan.

Itiyoophiyaan hidha bishaanii akka filmaata misooma anniisaa ijootti fudhachuun ofirra darbitee biyyoota naannawashee fayyadamoo taasisuuf hojjechaa akka jirtu nibeekama.

Maddeen anniisaa  haaromfamaan qooqaa amma Koyishaa, Takazee, Malkaa Waakkannaa Gibee fi hidhi haaromsaa kanneen kaafamanidha.

Hidhoonni anniisaa maddisiisan dalaliin akka hinguutamnee fi bishaan gahaa akka kuusan yoo hintaasifne amma barbaadamuu fi amma eegamu tajaajila hinkennan.

Dhimma kanarratti TOI’f ibsa kan kennan ministirri bishaanii fi inarjii doktar injiinar Habtaamuu Ittafaa, misoomni sululaa fi magariisaa faayidaa hedduu qaba jedhan.

Qabeenya uumamaa jijjiirama haala qilleensaa ittisuu fi naannoo misoomsuun alatti hidhoonni anniisaa dalaliin akka hinguutamne faayidaa olaanaa akka qabaatu eeraniiru.

Kanaaf hidhoonni anniisaa maddisiisan dalaliin osoo hinguutamiin yeroo dheeraa akka tajaajilan iddoowwan hidhoonni argamanitti hojiin misooma sululaa fi magariisaa bal’inaan hojjetamaa jira jedhan.

Keessumaa dhaabbileen barnootaa olaanoo fi qooda fudhattoota dhimmi ilaallatu waliin qindaa’uun hojiin jii Aayi Essiin adda baasuu raawwatamuu eeraniiru.

Itiyoophiyaan hidhaawwan anniisaa maddisiisan hawata tuurizimiigochuuf hojjechaa askka jirtu nibeekama.

Odoloonni hidha haaromsaa Itiyoophiyaa guddichaan uumaman bakka hawata tuurizimii ta’iuu kan danda’anidha.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015