Naannoon Giddugaleessa Itoophiyaa haala yeroo dhimma nageenyaarratti mariyachaa jira.

Muddee 24/2016 (TOI) - Naannoon Giddugaleessa Itoophiyaa haala yeroo dhimma nageenyaa naannichaa irratti magaalaa Hosaanaatti maryachaa jira.

Marii kanarratti Pirezidaantii naannii obbo Indaashoowu Xaasoo dabalatee hoggantoonni dhimma nageenyaa naannichaa hirmaachaa jiru.

Mariin kun haala nageenya naannichaa yeroo ammaa, rakkoolee mudataniifi furmaata irratti xiyyeeffachuun geggeeffamaa kan jiru ta'uun himameera.

Kana malees, naannichatti yaaddoo rakkoo nageenyaa jiru adda baasuun furmaata kaa'uurratti kan xiyyeeffate ta'uun ibsameera.

Gama biraan ayyaana Qillee dhufaa jiru kanarratti haala nageenya gama hundaan eegsisuu irratti qophii jiru gamagamuu odeeffannoon Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii Mootummaa naannichaarra argame ni mul'isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015