Itiyoophiyaan Wixata dhufu ‘BRICS’tti makamti

Mudde 20/2016(TOI)- Itiyoophiyaan akka lakkoofsa Awurooppaatti Amajjii 01 bara 2016 ‘BRICS’tti akka makamtu gamtichi ibse.

Yaa’ii miseensota ‘BRICS’ 15ffaa baatii Hagayyaa bara 2015 Afriikaa Kibbaa Johaanisbargitti taa’ameen Itiyoophiyaan waldaa biyyoota shan ofkeessaa qabutti makamuuf gaaffii dhiheessite fudhatama argachuunsaa niyaadatama.

Gibxi, emereetonni Araba gamtoomanii, Saa’udii Arabiyaa fi Iraanis  akka lakkoofsa Awurooppaatti Amajjii 01 bara 2016 ifatti miseensa ‘BRICS’ akka ta’an gamtichi beeksiseera.

Biyyoonni shan wayita miseensa ta’an biyyoonni miseensa gamtichaa 10 ta’a.

Itiyoophiyaan “BRICS’tti makamuunshee Itiyoophiyaaf taatee olaanaa fi carraa gaarii ta’uu ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad wayita sanatti ibsuunsaanii niyaadatama.

Ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad ergaasaaniitiin, Itiyoophiyaan sirni addunyaa hunda hammatuu fi badhaadhaan akka jiraatu hunda waliih hojjechuuf qophii ta’uushee dubbataniiru.

Itiyoophiyaan ‘BRICS’tti makamuunshee guddinaa fi fayyadama waloo  hariiroo dippilomaasii biyyoota hedduu akka mirkanaa’u qooda olaanaa akka qabaatu hayyoonni nidubbatu.

Dhageettii fi fudhatamni Itiyoophiyaa sochii dippilomaasii addunyaa keesatti akka guddatu ‘BRICS’tti makamuunshee gumaacha mataasaa akka qabaatu eeraniiru.

Itiyoophiyaan yaalii dippilomaasii taasiftu cimsuun keesumaa waltajjiiwwan Afriikaarratti Afriikaa bakka bu’uun qooda gaggeessummaashee bahuu fi faayidaa biyyaalessaashee eegsisuuf gamtichatti makamuunshee humna dabalataa akka uumuuf kaasaniiru.

Hanqina sharafa alaa furuuf ‘BRICS’ filmaata biraa ta’uusaa fi daldallii fi Invastimantiin akka guddatu murteessaa ta’uun itti amanameera.

Afriikaan Kibbaa yaa’ii gamtichaa  sadaffaa A.L.A bara 2011 irratti miseensa taatee gamtichi miseensa biyyoota shaniitti cehuun maqaansaa maqaa qubee jalqabaa biyyootaa fudhachuu gara ‘BRICS’tti jijjiirameera.

Kaayyoon gamtaa ‘BRICS’ faayidaalee dinagdee waloo ta’an mirkaneessuudha.

Kunis hojmaatotaa fi diizaayinii dinagdee fi faayinaansii addunyaa fooyyessuu akkasumas qajeelfamootaa fi ulaagaalee  seera idil addunyaa cimsuu fi walitti hirkannaa dameelee addaddaa  cimsuu ofkeessaa qaba.

Tumsi biyyoonni miseensa ‘BRICS’ daldala idil addunyaa, Invastimantii, sirnaa fi bulchiinsa  Faayinaansii irratti qaban guddacha jira.

Biyyoonni miseensa gamtichaa ummata addunyaarraa harka 40 kan qabu, oomisha addunyaa harka 26 kan uwwisu fi guddina dinagdee addunyaa harka 50 tti hiiqu hrkaa qabu.

Gamtichi biyyoota haaraa ofitti makuunsaa dhiibbaa dippilomaasii, daldalaa fi dinagdee jiru akka guddisuuf xiinxaltoonni nihimamu.

Gaaffiin miseensummaa Arjantiinaan gaafatte fudhatama qabaatus ji’a tokko dura pirezidaantii biyyattii ta’uun kan muudaman Jaaviyeer Meellee pirezidaantii isaan dura turan Albeertoo Farnaandeez gaaffii miseensummaa waan kaasaniif ‘BRICS’tti akka hinmakamne ibsameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015