Godina Shawaa Lixaatti gaagurri ammayyaa kuma 68 ol qonnaan bulaaf raabsameera

Mudde 20/2016 (TOI)-  Naannoo Oromiyaa godina Shawaa Lixaatti batii shan darbanitti gaagurri kanniisaa ammayyaa kuma 68 ol qonnaan bulaaf kennamuusaa waajjirri qonnaa fi misooma qabeenya uumamaa godinichaa ibse.

Waajjirichatti ogeessi qabeenya kanniisaa fi haarrii obbo Biranuu Lachiisaa akka ibsanitti, godinichi kanniisa horsiisuuf mijataa waan ta’eef hojiin kun ciminaan hojjetamaa jira.

Kana guddisuuf bara kana baatii shan keessatti qonnaan bultoota kuma 4’f gaagura ammayyaa kuma 68 fi 876 kennamuu ibsaniiru.

Baatii lamaan darban oomishni dammaa kiiloogiraamni miiliyoona 3 ol argamuu ibsasniiru.

Amma xumura waggaa kanaatti damma kiiloogiraama miiliyoona 6 oomishuuf karoorfamuu fi qonnaan bultoonni kuma 12 fi 702 hojii kana hojjechaa jiraachuu ogeessichi ibsaniiru.

Qonnaan bultoonni damma oomishan hojii qonnaa idileen cinaatti kanniisa horsiisuun galii dabalataa argachaa akka jiran ibsaniiru.

Qonnaan bulaan aanaa Amboo Boonsaa Fayyisaa gaagura ammayyaa qaban irraa barana dammaa kiiloogiraama 60 argachuusaanii ibsaniiru.

Galii gaarii waan irraa argataniif gaagura aadaa amma qaban 6 gara ammayyaatti jijjiiruuf karoorfachuusaanii eeraniiru.

Qonnaan bulaan aanaa Tokkee Kuttaayee Dheeressaa Bantii gaagura ammayyaa qaban 10 irraa dammaa fi gaga birrii kuma 150 olitti gurgurachuusaanii dubbataniiru.

Hojiiwwan eegumsa qabeenya uumamaa naannawasaaniitti hojjetamaa jiru bu’a qabeessa taasisaa waan jiruuf maasaasaaniirra biqiltuu dhaabaa akka jiran dubbataniiru.

Qonnaan bulaan aanaa Dandii Abarraa Faanaa akka jedhanitti, gaagura ammayyaa shan qabanirraa waggaatti al lama damma kiiloogiraama 300 argachaa jiru.

Hojiin kun waan isan onnachiiseef barana gaagura ammayyaa 12 dabalachuun hojicha babal’isaa akka jiran dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015