Baay’inni oomisha aannanii, lukkuu fi Foonii akkaataa karoorfameen jijjiirama fideera-ministira muummee doktar Abiyyi Ahimad

Mudde 19/2016 (TOI)- Bara 2015 baay’ina oomisha aannanii, lukkuu fi Foonii akkaataa karoorfameen jijjiirama fiduusaa ministirri  muummee doktar Abiyyi Ahimad ibsan.

Dhaalli maaddii oomishoota aannannii, lukkuu, hanqaaquu, dammaa, qurxummii fi foonii fooyyessuuf sagantaa mootummaa biyyaalessaa ta’uun hojeeffamaa jira jedhasniiru.

Bara 2015 baay’ina oomisha aannannii, lukkuu fi foonii akkaataa karoorfameen bu’aa gaarii fiduusaa ibsaniiru.

Ministirri muummee doktar Abiyyi ahimad ergaa  fuula marsariitiisaaniirratti dabarsaniin bara kana caalaatti milkeessuuf yaalii hunda keenyaa barbaada jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015