Biqiltuuwwan ganna darbe dhaabaman keessa harki 85 qabataniiru

Mudde 16/2016 (TOI)- Biqiltuuwwan bara 2015 yeroo ganna dhaabaman keessa harki 85 qabachuusaanii ministeerri qonnaa beeksise.

Itiyoophiyaan boqonnaa lamaan biqiltuu  biiliyoona 50 dhaabuuf karoorfattee hojjechaa kan jirtu yoo ta’u, boqonnaa jalqabaa fi l waggaa jalqabaa boqonnaa lammaffaatti biqiltuuwwan biiliyoona 32 dhaabamaniiru.

Ministiri qonnaa doktar Girmaa Amantee akka jedhanitti, ganna darbe Itiyoophiyaan biqiltuuwwan biiliyoona 7 tuqaa 5 dhaabdeetti.

Biqiltuuwwan dhhaabaman keessaa harki 57 biqiltuuwwan bosonaa fi fuduraa walmakaa, harki 43 ammoo biqiltuuwwan eegumsa naannoo fi misooma sululaaf oolan dhaabamuusaanii yaadachiisaniiru.

Biqiltuun kunneen qabachuunsaanii waggaatti al lama kan ilaalamu ta’uusaa ministirichi kaasaniiru.

Haala Kanaan biqiltuuwwan ganna darbe dhaabaman harki 85 qabachuunsaanii mirkanaa’eera jedhan.

Fuulduras kunuunsi taasifamuun baay’inaan akka qabatan akka taasifamu ibsaniiru.

Biqiltuuwwan ganna dhufu dhaabaman ammumaan qopheeffamaa akka jiran ibsanii, marii marsaa lammaffaa naannolee waliin taasifameen biqiltuuwwan biiliyoona 9 qopheessuuf waliigalamuu dubbataniiru.

Biqiltuu qopheessuun yeroo addaddaa waan gaafatuuf keessumaa biqiltuuwwan biyya keessaa yeroo dheeraa buufatarra akka turan ministirichi dubbataniiru.

Haala Kanaan biqiltuuwwan ganna dhufu dhaamaman ammumarraa kaasee qopheeffamaa jiru jedhaniiru.

Itiyoophiyaan boqonnaa lamaan biqiltuu biiliyoona 50 dhaabuuf karoora qabatte milkeessuuf waggoota sadan dhufan biqiltuuwwan biiliyoona 17 tuqaa 5 dhaabuutu irraa eegama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015