Ogeeyyonni sabquunnamtii hojii komunikeeshinii yeroon gafatu hojjechuu qabu

432

Mudde 05/2016(TOI)- Ogeeyyonni sabquunnamtii akka biyyaatti hojii walfakkaataa hojjechuun hojii komunikeeshinii yeroon gafatu hojjechuu akka qaban tajaajilli komunikeeshinii mootummaa hubachiise.

Waltajjiin waloo sabquunnamtii dhaabbilee federaalaa tajaajilichi qopheesse Adaamaatti taa’amaa jira.


De’eetaan ministiraa tajaajila komunikeeshinii mootummaa Kabbadaa Deesisaa caasaan komunikeeshinii mootummaa odeeffannoowwan wayitaawaa fi sirrii dabarsuun riqicha ummataa fi mootummaa walitti fidu akka ta’e ibsaniiru.

Kanaaf odeeffannoo sirrii dabarsuun yoomiyyuu caalaa qoodasaanii bahuuf hojjechuu akka qaban dubbataniiru.


Yeroon kun seenessoonni faallaa fakkaatan kan itti baay’atan waan ta’eef caasaan komunikeeshinii seenessoota walitti fidanii fi caalmaa qaban beeksisuu fi hubachiisuu irratti hojjechuu akka qabu dubbataniiru.

odeeffannoo baatii sadii Kurmaana jalqabaa bara bajataa 2016 qaqqabsiisuun, taateewwan biyyaa beeksisuurrattiwaliin hojjechuuf yaaliin taasifamus ammas taanaan qindoominaa fi walhubachuu dhaabbilee akka gaafatu de’eetaan ministiraa kun hubachiisaniiru.

Tajaajilli komunikeeshinii mootummaa erga hundeeffamee kaasee caasaalee fi miidiyaalee federaalaa fi naannolee waliin tumsaan hojjechaa jira jedhaniiru.

Dhaabbileen mootummaa federaalaa damee hojii quunnamtii ummataa 170 ol akka qaban ibsanii, dhaabbileen kunneen tumsaan hojjechuun akka biyyaatti odeeffannoo qaqqabsiisuun akka qaban dubbataniiru.

Qindoominni dhaabbilee odeeffannoo walfakkaataa fiduun gamatti hojii komunikeeshinii yeroon gaafatu hojjechuuf akka dandeessisu himaniiru.

Kana milkeessuuf yoo xinnaate waggaa keessatti al lamaa ol waltajjii waloo qopheessuun mariachi akka ittifufu eeraniiru.

Waltajjii marii waloo guyyoota lamaaf turu Kanaan qorannaan hojii tajaajila komunikeeshinii mootummaa, muuxannoo dhaabbilee, hojiileen komunikeeshinii ogummaa akkasumasa dhimmoonni komunikeeshinii dhaabbilee yeroo rakkinaa irratti mariin akka taasifamu dabalanii ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015