Ministeerri Hojjetaa fi Ogummaa fi Itiyoo-Telekoom teeknooloojii dijitaalaatiin carraa hojii uumuu ammayyeessuuf waliigaltee mallatteessan

221

Mudde 3/2016 (TOI) - Ministeerri Hojjetaa fi Ogummaa fi Itiyoo Teeleekoom teeknooloojii dijitaalaa hojiirra oolchuun carraa hojii uumuu ammayyeessuu akkasuma qaqqababummaa babal’isuuf waliigatee dandeesisu mallatteessaan.

Waliigalii galticha Ministira Hojii fi Ogummaa Mufrihaat Kaamil fi hoji gaggeessituu Ityoo-Telekoom Firehiwoot Taammiruu mallatteessaniiru.

Halaa waliigaltee kanaan Itiyoo-Telekoom sirna hojii Ministeerichaa ammayyeessuun tekinolojii rakkoof furmaata ta'u kan diriirsu ta'uun himameera.

Ministirri Hojjetaa fi Ogummaa Mufarihaat Kaamil tajaajila dhaabbatichi kennu ammayyeessuun gumaachi Ityoo-Telekoom guddaa ta’uu ibsaniiru.

Waliigaltee kanaan dura bobbi hojii biyya keessaa tekinolojiin deeggaruuf taasifameen lammiileen miiliyoona 3 ol ta’an waggaa tokko keessatti hojii akka argatan haala mijataa uumuu danda’uu ibsaniiru.

Kana malees leenjiin dhaabbilee teeknikaa fi ogummaatiin kennamuu fi oomishaaleen oomishaman ammayyeessuun sadarkaa teeknooloojii addunyaan irra geeseen akka fayyadaman taasisuu himaniiru.

Sirna dijiitaalaa bobbi hojii biyya alaatiif oolu qopheessuun lammiilee hedduuf boqonnaa kan kenne ta'uus himaniiru.

Hojii gaggeessituun Ityoo-Telekoom Firehiwoot Taammiruu; Itoophiyaa dijitaalaa dhugoomsuuf hojimaata dhaabbilee haaromsuun barbaachisaa ta’uu eeruun, dhaabbatichi hojimaata teeknooloojii hojiirra oolchuuf ciminaan hojjechaa akka jiru himaniiru.

Waliigalteen har’a irra ga’ame filannoowwan dijitaalaayizeeshinii kanaan dura inistiitiyutichaaf dhiyaatan babal’isuuf kan gargaaru ta’uu eeraniiru.

 

 

 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015