Yuunivarsiitiin aviyeeshinii Itiyoophiyaa barattoota ogummaa addaddaan leenjise eebbisiise

Sadaasa 29/2016 (TOI) - Yuunivarsiitiin aviyeeshinii Itiyoophiyaa barattoota ogummaa addaddaan leenjise 627 har’a eebbisiiseera.

Isaanis 88 xiyyaara oofuu, 125 teeknishaana Xiyyaaraa, 150 ogummaa keessummeessuu xayyaararraa, 264 gurgurtaa tikkeettii fi tajaajila maamilaatiin kan leenji’an yemmuu ta’u, kanneen keessaa lamaansaanii Itiyoophiyaa ala biyyoota Afriikaa keessaa kan dhufanidha.

Hojii raawwachiisaa muummee daandii qilleensaa Itiyoophiyaa Masfin Xaasoosirna eebbaarratti akka dubbatanitti, daandiin qilleensaa Itiyoophiyaa dhaabbata guddaa teeknooloojiiwwan ammayyaa fayyadamuun humna namaa isa barbaachisu ufumaan leenjsuu fi ga’oomsudha.

Yeroo ammaa dorgommiin Afriikaa waliin osoo hinta’iin daandiiwwan qilleensaa qabeenya olaanaa qabanii fi teeknooloojiin ammayyooman waliin akka ta’e dubbatanii, daandiin qilleensaa Itiyoophiyaa dhaabbata dorgomee bu’aa buufachuun ittifufedha jedhaniiru.

Daandiin qilleensaa Itiyoophiyaa namoota mul’ata, beekumsa dhaabbaticha hooggananiin, akkasumas hojjettoonni kutannoo tajaajluusaaniin  asgahuusaa dubbataniiru.

Kanaaf eebbifamtoonnikutannoo fi ciminaan hojjechuun guddina dhaabbatichaa ittifufsiisuuf ittigaafatama fudhachuu akka qaban himaniiru.

Eeggataan Pirezidaantii Yuunivarsiitii Aviyeeshinii Itiyoophiyaa Kaasee Yimaam gamasaaniin, akaakuu leenjii Yuunivarsiitichi kennu bal’isuun gumaacha damee Aviyeeshiniif taasisu akka ittifufu dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015