Korporeeshiniin misooma paarkiiwwan Industirii dureeyyota Jaappaan simachuuf yoomiyyuu qophiidha - ENA Afaan Oromoo
Korporeeshiniin misooma paarkiiwwan Industirii dureeyyota Jaappaan simachuuf yoomiyyuu qophiidha

Sadaasa 29/2016 (TOI) - Korporeeshiniin misooma paarkiiwwan Industirii dureeyyota Jaappaan simachuuf yoomiyyuu qophii ta’uusaa beeksiseera.
Fooramiin invastimantii biizinasii Itiyoo-Jaappaan hojii raawwachiisaan muummee korporeeshinii misooma paarkiiwwan Industirii obbo Akliiluu Taaddasee fi jilli invastimantii Jaappaan 10 ola irratti hirmaatan Finfinneetti taa’ameera.
Obbo AkliiluuTaaddasaa wayita kana ergaa dabarsaniin, hariiroon Itiyoo-Jaappaan waggoota 90 ol ta’us hariiroon Invastimantii jiru gahaa miti.
Korporeeshinichi hariiroo kana cimsuu fi dureeyyii Jaappaan paarkiiwwan Industirii keessatti simachuuf yoomiyyuu caalaa qophii ta’uusaa ibseera.
Itti dabaluunis korporeeshinichi reefoormiin imaammatarraa kaasee kenniinsa tajaajilaa irratti akkasumas hojmaatilee biroorratti taasise qophaa’ummaasaa kan agarsiisu ta’uusaa kaasaniiru.
Carraaleen invastimantii fi bu’uraalee misoomaa akkasumas onnachiiftuu paarkiiwwan industirii, qaxanaa daldala bilisaa Dirreedawaa jiran jila kanaaf dhihaateera.
Fuulduras Jilli kun paarkiiwwanindustirii Finfinnee Boolee Lammii fi Qilinxoo nidaawwata jedhamee akka eegamu odeeffannoon korporeeshinicharraa argame nimul’isa.