Paartiin badhaadhinaa guyyaa Saboota, Sablammootaa fi Ummattoota Itiyoophiyaa ilaalchisuun ergaa baga gammaddanii dabarseera - ENA Afaan Oromoo
Paartiin badhaadhinaa guyyaa Saboota, Sablammootaa fi Ummattoota Itiyoophiyaa ilaalchisuun ergaa baga gammaddanii dabarseera

Sadaasa 29/2016(TOI)- Paartiin badhaadhinaa guyyaa Saboota, Sablammootaa fi Ummattoota Itiyoophiyaa ilaalchisuun ergaa baga gammaddanii dabarseera.
Ergaan baga geessanii Paartichi dabarse akka armaan gadiitti dhihaateera-
Baga ayyaana guyyaa Saboota, Sablammootaa fi Ummattoota Itiyoophiyaa 18ffaa mata duree” sabdaneessummaa fi walqixxummaan tookummaa biyyaaf” jedhuun magaalaa Jigjigaatti kabajamu geessan baga geenye.
Paartiin keenya paartiin badhaadhinaa bariituu jijjiiramaatii kaasee dhimmoota xiyyeeffannoo addaan raawwachaa jiru keessaa seenaa keenya mootummaa biyya dhaabuu keessatti dhimmoota mootummaa hunda biratti fudhatama qabu akka hinqabaanne garaagarummaa keenya bal’isan baasuun furmaata itti kennuudha.
Haala Kanaan biyyi keenya Itiyoophiyaan heddumminaa fi tokkummaa sabdaneessummaa walitti qabuun itti fufuu irratti gufuulee mudataniif furmaata kennuuf fagoo deemuunsaa kan eeramudha.
Seena keenya mootummaa ammayyaa ijaaruu keessatti dhimmoota akka biyyaatti nuqoran keessaa gaaffii heddumminaa uumamaan qabnu keessummeessuu gufuuleen numudatan salphaa miti.
Itiyoophiyaan biyya halluu hedduu qabdu ta’uushee kan dagate yaaliin ijaarsa mootummaa Kanaan dura ture, garaagarummaan uumamaa nujidduu jiru miidhagina ta’uusaa sirnaan beekamtii kennuu dhabuun, biyyi keenya rakkoo walxaxaa keessa akka galtuu fi hojii manaa qabsoolee fi aarsaalee dhalootaa hedduun ijaaramee hinxumuramne akka baattu taasiseera.
Bara kamiyyuu gaaffileen wayita ka’an, warraaqsonni wayita uumaman ykn sirni mootummaa uumnu wayita diigamu yaada qabsoo ta’uun kan kaafaman gaaffii heddummina jiddugaleessa godhatedha.
Qabsoowwan eenyummaa koo uumamaa kabajaa, haqaqabeessummaa buusaa, imala keessan ijaarsa eenyummaa waloo adda baaftuu eenyummaa koo hindagatinaa jedhan firii akka qabaatan akka biyyaatti aarsaa hedduu itti kafalleerra.
Kana sirriitti kan hubate paartiin keenya badhaadhinaa daandiin biyyaa yaadama ida’amuutiin jijjiiramaan booda qiyyaase eenummaan biyya keenya keessa jiran kan uumamaa ta’uusaaniif beekamtii kan kenne, sabdaneessummaan keenya qabeenya malee yaaddoo akka hintaane kan hubate, Itiyoophiyaa ta’uun eenyummaa keenya waloo akka ta’eeenummaa keenya sabummaa waliin akka wal hindandeenye amanuuni.
Kana guutummaan mirkaneessuu akka hindandeenyee fi ijaarsa mootummaa biyyaa cimaa egeree fi fudhatama qabuakka qabaannu qajeelfamoonni qabaachuu qabnu akka jiran hubannee demokiraasummaan akka dagaagu, dhaabbanni akka cimu yaadamni obbolummaa akka jiraatu gochuuf hojiileen hojjenne firii kennuu danda’aniiruu.
Demokiraasiin ala tokkummaa tokkummaa sabdaneessummaa ijaaruun akka hindanda’amne paartiin keenya badhaadhinni nihubata.
Gaaffileen bu’uraa ummataaaddababayiitti bahanii deebii kan argatan, dabni daldaltoonni siyaasaa gaaffii ummataan daheeffatanii raawwatan fashaluu kan danda’u akkasumas tokkummaa fudhatama qabuu fi sabdaneessummaa heddummina jiddugaleessa godhate uumuu kan dandeenyu demokiraasii guutummaatti mirkaneessuu yoo dandeenye waan ta’eef xiyyeeffannoo keninee hojjechaa jirra.
Yaaliin keenya kun firii akka godhatu gumaacha olaanaa taasisaa kan jiru yaadama dhaabbatummaati. Gaaffilee ummattoonni biyya keenyaa hundi kaasaniif gaaffii egeree kennuu kan dandeenyu, ijaaramni heddumminaa uumamaa keenya firii kan godhatu, akkasumas biyya hunda keenyaaf taatu uumuu kan dandeenyu imalli keenya yaadama dhaabbatummaan yoo ilaalame akka ta’e sirriitti hubannee tarkaanfiiwwan fudhanne bu’aa gaarii fidaniiru.
Walumaa gala sirna siyaasaa obbolummaa uumu, walitti hidhamiinsa ummattoota jidduu jiru cimsu, dhukkuni tokkoo kan isa biraa ta’uu kan hubatu, jireenyi waloo akka mirkanaa’u waliin dhaabachuu filate ijaarreerra.
Jaallatamoo Saboota , Sablammootaa fi Ummattoota biyya keenyaa..
Tokkummaan sabdaneessummaa riqicha seenessa biyyaalessaatti ittiin ceenudha! Tokkummaa sabdaneessummaa uumuu yoo dandeenye dhaloota cimaa walkabajuu, waldandahuu fi waliif yaaduu qajeelfamasaa taasifate uumuu nidandeenya.
Dhugaan akka paartii badhaadhinaatti hubannuu fi guutummaatti akka mirkanaa’u qabsoofnu sabdaneessummaan carraa egeree Itiyoophiyaaf daandii ifaa waan ta’eefi.
Rakkoolee keenya keessoo heddummina ilaalchisuun ka’aniif furmaata kennuun akka danda’amu yaadamni ida’amuu akka paartiitti filanne rakkoolee keenya hundaaf furmaata egeree akka ta’u ni’amanna!
Bakka bu’ummaan madaalawaa ummattoota biratti gonkumaa akka hinkaane, dhaloonni dhufu gaaffilee waggoota 50 darban itti rakkachaa tureen akka hinqoramne, heddumminni keenya qormaata akka nutti hintaane wantoota gaarii imala keenya amma ammaatti argane gabbifachuun akkasumas qormaatilee numudatan sirreessuun ijaarsa seenessa biyyaalessaaf waliin hojjechuu qabna.
Ayyaan guyyaa Saboota, Sablammootaa fi ummattootaa 18ffaa magaalaa Jigjigaa fakkeenya sabdaneessummaa taatetti wayita kabajnu dhaloota seenessa walitti qabaa dhalootatti cehu kana ijaaruuf yaalii taasisuun ta’uu akka qabu hubachiisuu barbaanna.
Faayidaa sabdaneessummaa fi walqixxummaan tokkummaan biyyaa akka mirkanaa’u qabu hubannee biyya birmadummaanshee kabajamee fi bara baraan jiraattu ijaaruuf qooda keenya akka baanu adaraa jechuu barbaanna.
Paartii badhaadhinaa
Sadaasa 29/2016