Pirezidaant Saahilawarq Zawudee ayyaana guyyaa Saboota, Sablammootaa fi Ummattootaarratti hirmaachuuf Jigjigaa dhaqaniiru - ENA Afaan Oromoo
Pirezidaant Saahilawarq Zawudee ayyaana guyyaa Saboota, Sablammootaa fi Ummattootaarratti hirmaachuuf Jigjigaa dhaqaniiru

Sadaasa 29/2016 (TOI) - Pirezidaant Saahilawarq Zawudee ayyaana guyyaa Saboota, Sablammootaa fi Ummattootaa naannoo Somaaleetti kabajamurratti hirmaachuuf magaalaa jigjigaa dhaqaniiru.
Pirezidaant Saahilawarq Zawudee wayita Jigjigaa gahan bulchaan bulchiinsa naannoo Somaalee obbo Mudxafee Mahaammad fi hooggantoonni mootummaa biroon akka simatan odeeffannoon biiroo komunikeeshinii naannichaarraa argame nimul’isa.
Af-yaa’iin mana maree federeeshinii Aganyoo Tashaagar, itti aanaan pirezidaantii paartii badhaadhinaa Adam Faaraah dabalatee bulchitoonni naannolee, kantiibonni bulchiinsota magaalaa, bakka bu’oonni sabaa fi sablammootaa akkasumas keessummoonni waamaman ayyaanicha kabajuuf magaalaa Jigjigaatti dhaqaniiru.
Ayyaanni mata duree “sabdaneessummaa fi walqixxummaan tokkummaa biyyaaf” jedhuun kabajamu kun tokkummaa biyyaa fi sabdaneessummaa cimsuu haala dandeessisuun akka kabajamu ibsameera.