Guyyaan Saboota, Sablammootaa fi Ummattootaa 18ffaa magaalaa Jigjigaatti kabajamaa jira

Sadaasa 29/2016(TOI)- Guyyaan Saboota, Sablammootaa fi Ummattootaa 18ffaa har’a ganamarraa kaasee taateewwan addaddaatiin magaalaa Jigjigaatti kabajamaa jira.

Itti aanaan Pirezidaantii paartii badhaadhinaa obbo Adam Faaraah, af-yaa’iin mana maree federeeshinii obbo Aganyoo Tashaagar dabalatee bulchitoonni naannolee fi kantiibonni bulchiinsota magaalaalee hooggantoonni mootummaa federaalaa fi naannolee, saboonni, sablammoonnii fi ummattoonni Itiyoophiyaa, gareewwan aadaa sagantaa kanarratti argamaniiru.

Ayyaanni mata duree “sabdaneessummaa fi walqixxummaan tokkummaa biyyaaf” jedhuun kabajamu kun tokkummaa biyyaa fi sabdaneessummaa cimsuu karaa dandeessisuun akka kabajamu ibsameera.

Ayyaanni kun guyyoota walitti aanan afur darban Sadaasa 25, 26, 27 fi 28 walduraa duubaan guyyaa obbolummaa, sabdaneessummaa, waloomaa akkasumas kaleessa guyyaa ida’amuu jedhuun wayita kabajamu waltajjiin maree fi agarsiisonni aadaas taasifamaniiru.

Saboonni, Sablammoonni fi ummattoonni muuxannoo, adaa duudhaasaanii waliif qoodaniiru.

Magaalaan Jigjigaa keessummoota ayyaanicharratti hirmaachuuf dhufaniif qophii addaddaa taasisuun tajaajila si’ataa kennaa jirti.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015