Hospitaalli Waliigalaa Eekkaa Kotobee guutummaatti tajaajila waldhansaa fayyaa idilee kennuutti deebi'e

Sadaasa 28/2016 (TOI) - Hospitaalli Waliigalaa Eekkaa Kotobee tajaajila yaala fayyaa idilee guutummaatti kennuutti deebu'uu beeksise.

Hospitaalichi weeraraa Vaayirasii koroonaa hordoofee tajaajila yaala fayyaa idilee kunnuu adda kutee ture amma guutummaatti kennuu jalqabuu beeksiseera.

Hospitaalichi tajaajila yaalaa fayyaa idilee kennuu jalqabuusaa ilaalchisee ogeeyyii miidiyaa fi kominikeeshinii waliin magaalaa Adaamaatti mariyachaa jira.

Hoji geggeessaan Olaanaa Hospitaalichaa doktar Muluqeen Tasfaayee akka himanitti, weerara vaayirasii koroonaa ittisuuf hospitaalichi aantummaadhaan tajaajila yaalaa fayyaa kennaa turuu yaadachiisaniiru.

Hospitaalichi yeroo sanatti tajaajila yaalaa idilee kennuu kan dhaabe yoo ta'u; yeroo ammaa humna guutuun gara tajaajila idilee kennuutti deebi'uu ibsaniiru.

Hospitaalii Eekkaa Kotobee tarsiimoo Itoophiyaa akkasumas Afrikaa bahaatti dhaabbata fayyaa filatamaa isa taasisuu dandeesisuu qopheeffatee hojjechaa jira jedhaniiru. Galmi kun akka milkaa'uu ogeeyyiin miidiyaa Hospitaalicha waliin qindoomanii akka hojjetan gaafataniiru.

Hospitaalichi keessumaa tajaajila faarmaasii fi qoricha, meeshaalee yaalaa fayyaa fi galteewwaan tajaajila yaala fayyaaf barbaachisan biroorratti humna guddaa ijaaruu isaa eeraniiru.

Kanaanis Tajaajila yaalaa fayyaa si'ataa fi ammayyaa’aa ta’e uummata biraan gahuuf tattaaffi cimaa taasisaa jiraachuu hoji geggeesaan Hospitalichaa himaniiru.

Bara kanas hospitaalichi sirna odeeffannoo kenniinsa tajaajila yaalaa fayyaa elektirooniksii guutuutti hojiirra kan oolchu ta'uu himaniiru.

Hanqina humna namaa dabalatee hanqinoota biroo furuuf hojjechaa akka jiru hubachiisaniiru.

Hospitaalichatti daayreektarri qulqullina yaalaa fayyaa fi hooggansa fayyaa Doktar Yoonaas Gebre'igaabeer akka jedhanitti, hospitaalichi dhukkubsattoota yaala fayyaa cimaa dabalatee haadholii fi daa’immaniif tajaajila yaala fayyaa keessoo fi baqaqsanii yaaluu kennaa jiraachuu himaniiru.

Kaayyoon waltajjii kanaa hospitaalichi yaala fayyaa koroonaa fi yaala hatattamaa yeroo dirqamaa keessaa bahuun hojii yaala fayyaa idileetti deebi'uu isaa miidiyaalee ifoomsuudha jedhaniiru.

Kanaaf maamiltoonni gara hospitaalaa dhufanii yaala barbaachisu argachuu akka adanda'an miidiyaaleen hubachiisuu qabu jedhaniiru.

Waltajjicharratti ogeeyyiin miidiyaa fi komunikeeshinii dhaabbilee adda addaa irraa hirmaataniiru.

 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015