Dhaabbanni misoomaa fi deeggarsaa waldhaantota Kaanaadaa meeshaalee waldhaansaa birrii miiliyoona 15 ol baasu deeggare - ENA Afaan Oromoo
Dhaabbanni misoomaa fi deeggarsaa waldhaantota Kaanaadaa meeshaalee waldhaansaa birrii miiliyoona 15 ol baasu deeggare

Sadaasa 28/2016(TOI) - Dhaabbanni misoomaa fi deeggarsaa waldhaantota Kaanaadaa meeshaalee waldhaansaa birrii miiliyoona 15 fi kuma 650 baasu naannoo Amaaraa fi Oromiyaaf deeggare.
Itiyoophiyaatti hojii gaggeessituun dhaabbata misoomaa fi deeggarsaa waldhaantota Kaanaadaa Abbaayinash Ayyalee deeggarsicha bakka bu’oota naannoleef kennaniiru.
Deeggarsichi waldhaansaa fi tajaajila fayyaa da’umsaa naannolee fooyyessuuf kan kaayyeffate ta’uu hojii gaggeessituun kun ibsaniiru.
Fuulduras dhaabbatichi deeggarsoota akkasii taasisuun sirna fayyaa biyyattii fooyyessuuf qoodasaa akka bahu mirkaneessaniiru.
Dhaabbannimisoomaa fi deeggarsaa waldhaantota Kaanaadaa waggoota 40 darbaniif dameelee misoomaa addaddaatiin Itiyoophiyaatti deeggarsa taasisaa akka ture ibsameera.