Itiyoo-telekoom naannoo Oromiyaatti bu'uuraalee tajaajila dijtalaa dheesuuf waliigaltee mallatteesse - ENA Afaan Oromoo
Itiyoo-telekoom naannoo Oromiyaatti bu'uuraalee tajaajila dijtalaa dheesuuf waliigaltee mallatteesse

Sadaasa 28/2016 (TOI) - Itiyoo-telekoom naannoo Oromiyaatti kennisa tajaajilaa kan ammayyeessanii fi ijaarsa Ismaarti siitii kan dhugoomsan bu'uuraalee tajaajila dijtalaa dheesuuf waliigaltee mallatteesse.
Waliigalticha hoji geggeesituu olaantuu Itiyo- telekoom Firehiwoot Taammiiruu, Sadarkaa Pirezidaantiitti hoggantuu Biiroo Galiiwwanii Oromiyaa Maskaram Dabbabaa fi Kantiibaa magaalaa Shaggar Dr. Tashoomaa Addunyaa mallateessaniiru.
Sirna kanarratti haasaa kan taasisaan Hoggantuun Biiroo Galiiwwanii Oromiyaa Maskaram Dabbabaa naannoon Oromiyaa tajaajila hawaasummaa fi dhaabbatummaa hedduu bal'inaan kan kennu ta'uu himaniiru.
Keessaayyuu Barnoota, fayyaa, Turizimii fi tajaajiloota biroo qaqqabamaa taasisuuf hojiin bal'aan hojjetamaa jira jedhaniiru.
Kanaafis tekinolojii ammaa hojiirra oolchuu fi oomishitummaa dabaluu hojii ijoo taasisuun hojjetama jiras jedhaniiru.
Waliigalteen kun godinaalee, aanaalee fi magaaloota naannichaa tekinolojiin walitti hidhuun guddina barbaadamu fiduuf gahee olaanaa qaba jedhaniiru.
Waliigalteen kun kennisa tajaajila mootummaa foyyeesuu fi gaaffii kennisa tajaajilaarratti uummatarraa dhihaatuuf deebii kan kennudhas jedhaniiru.
Kantiibaan magaalaa Shaggar Dr. Tashoomee Addunyaa gama isaaniin yeroo ammaa sadarkaa idil addunyaatti magaaloota ammayyeessuun hojii baramedha.
Hundeeffamni magaalaa Shaggaris kan jiddugaleessa kan godhate waan ta'eef waliigalteen Itiyo -telekoom waliin taasifame magaalaa kana caalaatti ammayyeesuuf kan gargaarudha jedhaniiru.
Keessaayyuu magaalaa tekinolojiin guddatte, mijattuu fi oomishituu taatee uumuuf waliigalteen kun gahee olaanaa kan qabudha jedhaniiru.
Hoji geggeesituun Itiyo -telekoom Firehiwoot Taammiruu gama isaaniin dhaabbatichi hojii tajaajila bu'uuralee misoomaa telekoom babal'isuun cinaatti hojii tajaajila dijitaalaa dhaabbilee babal'isuurrattis xiyyeeffannoonhojjechaa jirachuu himaniiru.
Kunis Dijitalaa Itoophiyaa mirkaneesuu keessaatti gahee olaanaa qaba jedhaniiru.
Waliigaltee har'a mallatteeffame kun naannichaatti hojiiwwaan misoomaa hojjetaman ariifachiisuu keessaati gahee guddaa kan bahudha jedhaniiru.
Waliigalteen kun ijoodhaan dhaabbilee dijitaalaa uumuu, waliin gahinsa barnootaa, qabeenya albuudaa adda baasuu fi haala oomishaa ammayyeessuu akkasuma hojii qonnaa tekinolojiin deeggaruu kan hammatudha jedhaniiru.