Fedhiin Misoomaa Itoophiyaa guddina biyyoota ollaas giddu galeessa kan godhateedha - ENA Afaan Oromoo
Fedhiin Misoomaa Itoophiyaa guddina biyyoota ollaas giddu galeessa kan godhateedha

Sadaasa 28/2016 (TOI) - Fedhiin Karra Galaanaa Itoophiyaa fedhii biyyoota naannawaas giddu galeessa kan godhate ta’uu Ministirri Pilaanii fi Misoomaa doktar Fitsum Asaffaan ibsan.
Lakkoofsi ummata Itoophiya dabalaa dhufuu hordofee sodaan karra galaanaa dhimma ijoo ta’aa jiraachuu doktar Fitsum turtii CGTN waliin taasiisaniin himaniiru.
Kunis fayyadamummaa waloo giddu galeeffachuun adeemsa marii fi waliigaltee kennanii fudhachuun ta’uu akka qabu kaasaniiru.
Itoophiyaan waggoottaan kurnan darban biyyoota Afrikaa misoomaan walitti hidhuuf hojiilee hedduu hojjechuu dubbataniiru.
Daldalli bilisaa fi walitti hidhamiinsi bu’uuraalee misoomaa daraan murteessaa ta’uu himaniiru.
Kana milkeessuu keessatti Itoophiyaan qooda ishee gumaachuun faayidaas argachuuf hojjechaa jiraachuu mirkaneessaniiru.
Miidhaa jijjiiramni qabeenya qilleensaa qaqqabsiisaa jiru qolachuuf Itoophiyaan hojii fakeenya ta’u hojjechuu ibsaniiru.
Waggoottaan shanan darbanis Biqiltuuwwan biiliyoona 3.2 dhaabuu ishee himaniiru.