Milkaa'ina marii biyyoolessaaf gahee keenya ni baana

Sadaasa 28/2016 (TOI) - Abbootiin amantaa fi miseensonni hawaasaa Naannoo Kibba Itoophiyaa milkaa'ina marii biyyoolessaaf gahee isaanii kan bahan ta'uu himan.

Komishiniin Marii Biyyaalessaa naannoo Kibba Itoophiyaa magaalaa Walayittaa Sooddootti Wolayta Sodootti deeggarstoota leenjii kenneera.

Leenjii kanarratti kanneen hirmaataan yaada TOI'f kennaniin waldhabdee furuuf mariin biyyoolessaa barbaachisaadha jedhaniitru.

Marii biyyaaleessaa kana galmaan gahuuf Komishiiniin Marii biyyaaleessaa hundaa'ee hojiitti galuun carraa guddaa ta'uu himanii; milkaa'ina marichaafis gahee isaanii kan bahan ta'uu himaniiru.

Dhimma Marii biyyaalessaa bakka hojii keenyaatti namoota hubachiisuufi barsiisuun gahee keenya ni baanas jedhaniiru

Nageenya waaraa akka biyyaatti hawwinu galmaan ga’uuf hojiileen komishinichi haga ammatti hojjechaa jiru jajjabeessaadha jedhaniiru.

Keessattuu, waldhabdeewwaan jiran furuun nagaa fi misoomni waaraan biyyattii akka jiraatu tattaaffiin inni taasisaa jiru waan jajjabeeffamuu qabudha jedhaniiru.

Akka hordoftoota amantaatti nagaa lallabuun kaayyoo isaa isa guddaa waan ta’eef, marii kana milkeessuuf hordoftoota amantii isaan hordofan hordoofaniif dhimma Marii biyyaalessaa irratti hubannoo akka argana kan hojjetan ta'uus eeraniiru.

Aadaa waldanda'uu fi wal kabajuu hawaasichaa cimsuuf gumaachi marii biyyoolessaa olaanaa ta'uu ibsaniiru.

 

 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015