Damee oomishaa bu’a qabeessa taasisuuf imaammanni fooyyeffameera- ministeera industirii - ENA Afaan Oromoo
Damee oomishaa bu’a qabeessa taasisuuf imaammanni fooyyeffameera- ministeera industirii

Sadaasa 28/2016 (TOI)- Damee oomishaa bu’a qabeessa taasisuuf imaammata fooyyessuu dabalatee hojiileen biroo hojjetamuusaa ministeerri industirii ibse.
Sagantaan misooma dhaabbata mootummoota gamtoomaniiyaa’ii misoomaa waggaa waggaan taasisu Finfinneetti taa’aa jira.
De’eetaan ministiraa industirii Taarraqany Bulultaa yaa’ii kanarratti akka jedhanitti, misoomni industirii jiddugaleessa imaammata misooma Itiyoophiyati.
Karoora misoomaa waggaa kudhanii fi ajandaa riifoormii dinagdee biyya keessaatiin damee kanaaf xiyyeeffannoon kennameera jedhaniiru.
Haala Kanaan bu’a qabeessummaa damee kanaa cimsuuf hojiileen bu’ura misoomaa fi kanneen biroo hojjetamuusaanii eeraniiru.
Kana cinaattis tarsiimoowwan guddina damee industirii cimsan hojeeffamuu ibsaniiru.
Walumaa gala rakkoolee industirii ilaalchisee mudatan furuun misooma industiriif kutannoon hojjetamaa akka jiru dubbataniiru.
Sagantaa misoomaa dhaabbata mootummoota gamtoomaniitti bakka bu’aan Itiyoophiyaa Chaaruu Biist gamasaaniin, waggoota darban Itiyoophiyaan industirii babal’isuuf hojii jajjabeessaa hojjetteetti jedhaniiru.
Dameen industirii sharafa alaa argamsiisuun, carraa hojii uumuu fi oomishoota biyya alaatii galan bakka buusuun walumaagala jijjiirama caasaa fiduun humna guddaa qaba jedhaniiru.
Sagantaan misooma dhaabbata mootummootaa damee industirii cimsuuf yaadota imaammataa dhiheessuun Itiyoophiyaa waliin hojjechaa akka jiru himaniiru.