Biqiltuun kuma 100 Itiyoophiyaan Jibutiif ergite Jibutii qaqqabeera - ENA Afaan Oromoo
Biqiltuun kuma 100 Itiyoophiyaan Jibutiif ergite Jibutii qaqqabeera

Sadaasa 28/2016 (TOI) – Qopheessummaa bulchiinsa magaalaa Dirreedawaatiin biqiltuuwwan Itiyoophiyaan yeroo sadaffaaf qopheessite kuma 100 Jibutii qaqqabeera.
Jilli biqiltuu kana Jibutii geese wayita Jibutii qaqqabu Jibutiitti ambaasaaddarri Itiyoophiyaa Biraanuu Tsaggaayee fi hooggantoonni simataniiru.
Itiyoophiyaan walitti hidhamiinsa misoomaa hedduu biyyoota ollaa waliin qabdu un gamatti dippilomaasii ashaaraa magariisaarratti hojjechuun ittigaafatama waloo kan agarsiisu ta’uun ibsameera.
Itiyoophiyaan amma amma bara 2014tti sagantaa ashaaraa magariisaatiin biqiltuuwwan kuma 200 biyyoota ollaaf kennuunshee niyaadatama.
Fuula duras biqiltuu biyyoota ollaa biroof kennuuf karoora baafteen baranas yeroo sadaffaaf biqiltuu kuma 100 Jibutiitti erguushee odeeffannoon embaasii Itiyoophiyaa Jibutiitti argamurraa argame nimul’isa.