Waltajjiin marii guyyaa ida’amuu taa’amaa jira

Sadaasa 28/2016 (TOI)- Ayyaana guyyaa Saboota, Sablammootaa fi Ummattoota Itiyoophiyaa ilaalchisuun waltajjiin marii guyyaa ida’amuu naannoo Somaalee magaalaa Jigjigaatti taa’amaa jira.

Guyyaa Saboota, Sablammootaa fi Ummattoota Itiyoophiyaa 18ffaa mata duree sabdaneessummaa fi walqixxummaan, guddina biyyaaf” jedhuun Sadaasa 25/2016 irraa kaasee sagantaalee addaddaatiin magaalaa Jihjigaattikabajamaa jira.

Haala Kanaan Sadaasa 25, 26 fi 27 walduraa duubaan guyyaa obbolummaa,sabdaneessummaa fi waloomaa jedhuun kabajamaa kan jiru yoo ta’u, guyyaa har’a Sadaasa 28/2016 “guyyaa ida’amuu” ilaalchisuun waltajjiin marii taa’amaa jira.

Af-yaa’iin mana maree federeeshinii Aganyoo Tashaagar, af-yaa’iin mana maree naannoo Somaalee Ayaan Abdii, bulchitoonni naannolee, kantiibota magaalaa Finfinnee fi Dirreedawaa dabalatee hooggantoonni olaanoo federaalaa fi naannolee fi kutaaleen hawaasaa argamaniiru.

Waraqaalee mariif ka’umsa ta’an mata duree “yaadama dug-duubaa dimokiraasii waliigaluu fi yaadama Itiyoophiyaa” akkasumas “heera mootummaa RDFI fayyadama naannoo Somaalee jijjiiramaan duraa fi boodaa” jedhaniin dhihaatanii mariin taasifamaa jira.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015