Dargaggeessii seenessaa waloo hubachuun nageenya waaraa fi guddina biyyaaf akka hojjetu gahee keenya ni baana - ENA Afaan Oromoo
Dargaggeessii seenessaa waloo hubachuun nageenya waaraa fi guddina biyyaaf akka hojjetu gahee keenya ni baana

Sadaasa 28/2016 (TOI) - Dargaggeessii seenessaa waloo hubachuun nageenya waaraa fi guddina biyyaaf akka hojjetu gahee isaanii kan bahan ta'uu jaarsoliin biyyaa naannoo Uummatoota Kibbaa Lixa Itoophiyaa TOI dubbise himan.
Naannichaatti jarsa biyya godina Beenchii Shakkoo kan ta'anobbo Shaanqoo Gakinaansii '' sabdaneesummaa fi amantaa baay'ee biyya qabdu keessaatti Itoophiyimmaan tokkummaan cimee akka har'a gahu kan taasise seenaa tokkoo nu taasisuu balatee duudhaalee qabnudha'' jedhaniiru.
'' Biyya itti fufsiisuuf seenessa waloo cimsuun tokkummaa keenya jabeesuu qabana'' jedhaniiru.
Seenaa agarree fi keessa dabarre dhaloota barsiisuun nageenya fi misooma waaraaf gahee keenya ni baana jedhaniiru.
Jaarsa biyyaa godina Kafaa kan ta'an obbo Malerashaa Damisee gama isaaniin; tokkummaa Itoophiyaaf ajandaa waloo biyyaa fi ummataa irratti hojjechuun barbaachisaadha jedhaniiru.
Yaada irratti walii hin galleerratti mariyachuun dhugaa waloorra gahuun aadaa keenya keessa duruman kan turedha jedhaniiru.
"Duudhaa gaachanaa fi dahoo waliif ta'uu qabnutti fayyadamnee dhimma keenya tasgabbiin furuu malee; hawaasa jaarraa hedduuf dhimmoota adda addaarratti wal utubee waliin ture fiixee tokkotti harkisanii imaaluuf yaaluun sirrii miti'' jedhaniiru.
"Dhaloonni dargaggoota seenessa sobaatiin akka hin burjaajofne barsiisuu fi dhugaa waloo akka beekan gochuu qabna," jedhaniiru.
"Itoophiyaanonni waan gargar nu baasuu caalaa qabeenya waloo, seenaa fi eenyummaa waloo tokko nu taasisuu baay'ee uummata qabnu uummata boonaadha'' kanaaf,, dargaggoonni dhugaa jiru akka hubatan gochuuf akka hojjetan himaniiru.