Inistiitiyuutiin sammuu namtolchee Itiyoophiyaa fi tajaajilli Immigireeshiniifi lammummaa waliin hojjechuuf waliigaltee mallatteessan

212

Sadaasa 27/2016(TOI) - Inistiitiyuutiin sammuu namtolchee Itiyoophiyaa fi tajaajilli Immigireeshiniifi lammummaa waliin hojjechuuf waliigaltee mallatteessaniiru.

Waliigalteen mallatteessan kun gama siistama diriirsuu, leenjii humna namaa fi damee cehumna teeknooloojiin  waliin hojjechuuf akka dandeessisu odeeffannoon inistiitiyuuticharraa argame nimul’isa.

Haala Kanaan tajaajilli immigireeshinii fi lammummaa tajaajilli lammiileef kennu teeknooloojiin akka deeggaramu inistiitiyuutiin sammuu namtolchee Itiyoophiyaa deeggarsa taasisuu akka dandeessisu eerameera.

Daarektarri olaanaa Inistiitiyuutii sammuu namtolchee Itiyoophiyaa Injiinar Warquu Gaachanaa fi daarektarri olaantuu tajaajila immigireeshinii fi lammummaa adde Salaamaawiit Daawiit sanada kana mallatteessaniiru.

Daarektarri olaanaa Inistiitiyuutii sammuu namtolchee Itiyoophiyaa Injiinar Warquu Gaachanaa sirna kanarratti ergaa dabarsaniin, dhaabbatichi tajaajiloota lammiileef kennu teeknooloojiin akka deeggaramu taasisuuf inistiitiyuutichi kutannoo qaba jedhaniiru.

Daarektarri olaantuu tajaajila immigireeshinii fi lammummaa adde Salaamaawiit Daawiit gamasaaniin, Inistiitiyuutii sammuu namtolchee waliin hojjechuuf waliigaluunsaanii akka isaan gammachiisee fi tajaajila dhaabbannisaanii kennu ammayyeessuuf akka gargaaru ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015