Sagantaan cufiinsa kabaja hundeeffama waggaa 88ffaa Humna Qilleensaa Itoophiyaa Mudde 6/2016 ni gaggeeffama. - ENA Afaan Oromoo
Sagantaan cufiinsa kabaja hundeeffama waggaa 88ffaa Humna Qilleensaa Itoophiyaa Mudde 6/2016 ni gaggeeffama.
Sadaasa 26/2016 (TOI) - Sirni sagantaa cufiinsa hendeeffama waggaa 88ffaa Humna Qilleensaa Itoophiyaa Mudde 6/2016 akka gaggeeffama jedhame.
Ajajaan Olaanaan Humna Qilleensaa Itoophiyaa Lt. Jeneraal Yilmaa Mardasaa kabaja hundeeffama waggaa 88ffaa Humna Qilleensaa Itoophiyaa ilaachsuuun miidiyaaleef ibsa kennaniiru.
Ibsa isaaniin guyyaan hundeeffama Humna Qilleensaa Itoophiyaa waggaa 88ffaan sadaasa 20/2016 irraa eegalee ramaddii humna qilleensaa adda addaa keessatti kabajamaa akka ture himaniiru.
Hundeeffamni Humni Qilleensaa Itoophiyaa Sadaasa 20/1928 ka'umsaa godhachuun hundeeffamni isaa waggaa 88ffaan bara kana kabajamaa jiraachuu eeranii; Sagantaan cufiinsa kabaja guyyichaa Mudde 6/2016 akka gaggeeffamu himaniiru.
Sagantaa kanarratti Moggaasa “Xiqur Anbassaa” jedhuun argisiisni humna qilleensaa biyyoota biroo waliin ta’uun kan gaggeeffamu ta’uus eeraniiru.
Sagantaa kanarratti sirni eebba hoogantoota, balaliistota, teeknishaanota, barsiisota balalii fi kanneen biroo damee ogummaa adda addaatiin leenji’anii kan raawwatamu ta'uu ibsaniiru.
Bu’uuraaleen misoomaa lolaa Humna Qilleensaan ijaaraman kan eebbifaman ta'uus ibsaniiru.
Itti dabaluunis waltajjiiwwan marii adda addaa qophaa’aa akka jiran himaniiru. kana keessaa waltajjiin marii ajajoonni humna qilleensaa biyyoota Afrikaa adda addaa itti hirmaatanis kan geggeeffamu ta'uu eeraniiru.
Kaayyoon kabaja guttichaa inni guddaan erga jijjiiramni dhufee as hojii Humni Qilleensaa hojjete beeksisuu fi hojii waraanaa gara fuula duraatiif qophaa’uu akka ta’e ibsaniiru.
Guyyichi jijjiiramaan booda maaltu akka hojjetame gamaaggamuu fi hojiilee fuuldureerratti qophaa’uuf sagantaaleen argisiisan kan gaggeeffaman ta’uu dubbataniiru.