Naannoo Oromiyaatti tajaajiloonni tola ooltummaa daa’immanii fi haadholii fayyadan hojjitamaniiru - ENA Afaan Oromoo
Naannoo Oromiyaatti tajaajiloonni tola ooltummaa daa’immanii fi haadholii fayyadan hojjitamaniiru

Sadaasa 26/2016(TOI)- Naannoo Oromiyaatti baatiiwwan arfan darbanitti tajaajiloonni tola ooltummaa daa’immanii fi haadholii fayyadan hojjitamauusaanii biiroon dhimma dubartootaa fi daa’immanii Oromiyaa ibse.
Itti aantuun ittigaafatamtuu biirichaa adde Sarkaalem Saakumee TOI’f akka ibsanitti, bara bajataa kanatti rakkoolee hawaasummaa fi dinagdee hawaasa naannichaa furuuf hojiileen tola ooltummaa hedduun hojjetamaniiru.
Caasaaleen dubartootaa waldaa dubartootaa, liigii fi federeeshinii dubartootaa dureeyyotaa fi hawaasa naannichaa qindeessuun hojiileen jajjabeessoo hojjetamuusaanii ibsaniiru.
Mata duree “mana haadholii ijaarree haa’eebbifnu” jedhuun ijaarsii fi haaromsi manneen harka qalleeyyiiu kuma 62 fi 294 raawwatameera jedhan.
Sagantaan ashaaraa magariisaan biqiltuu dhaabuu fi kunuunsuu, dhiiga arjoomuu, hojii qulqullinaa, haaromsaa fi ijaarsa manneen barnootaa, deeggarsi meeshaalee barnootaa hojiilee tola ooltummaa biirichaan hojjetaman keessaa ta’uu ibsaniiru.
Baatiiwwan afura bara bajataa kanatti qofa tajaajilli tola ooltummaa birrii biiliyoona 22 tuqaa 5tti tilmaamamu raawwatamuu ittigaafatamtuun itti aantuu biirichaa ibsaniiru.
Hojii tola ooltummaa hojjetameen dubartoonni galii hinqabne madda galii akka qabaatanii fi hojjetanii akka ofdanda’an taasifameera kan jedhan ammoo daarektara kominikeeshinii biirichaa adde Ruuqiyaa Bashuuti.
Hoolonnii fi re’oonni horsiisaaf oolan kuma 22 fi 802 akkasumas gaariiwwan fe’isaaf tajaajilan bitamanii haadholiif kennamuunsaa hojiilee hojjetaman keessaayyu.
Keessumaa haadholii baadiyyaa dugdatti baatanii karaa dheeraa deemanii hojjetan deeggaruuf hojiin jajjabeessaan hojjetameera.
Haala walfakkaatuun daa’imman barnootaaf qaqqabanii fi barumsarra jiran miiliyoona 3 tuqaa 2 ta’an uffannaa yuuniifoormii dabalatee deeggarsi meeshaalee barnootaa sagantaa Kanaan taasifamuu adde Ruuqityaan ibsaniiru.
Hojiin tola ooltummaa lammummaa hojii tibba tokkoo qofa osoo hintaane aadaa hawaasaa ta’ee ittifufiinsaan akka hojjetamu biirichi mootummaa naannichaa fi waajjira Buusaa Gonofaa waliin ta’uun akka hojjetamu ibsameera.