Ayyaanni Shawaal Iid hambaa addunyaatti galmaa’uunsaa industirii tuurizimii nicimsa-obbo Adam Faaraah

Sadaasa 26/2016(TOI)- Ayyaanni Shawaal Iid hambaa addunyaa ta’ee Yuuneeskootti galmaa’uunsaa sochiin gama damee tuurizimiin taasifnu akka cimuu fi akka bal’atu taasisa jedhan pirezidaantiin paartii badhaadhinaa fi ittigaafatamaa waajjira muummee paartichaa obbo Adam Faaraah.

Obbo Adam Faaraah ayyaanni Shawaal Iid hambaa addunyaa ta’ee galmaa’uusaatiin ergaa baga geessanii dabarsaniiru.

Paartiin Badhaadhinaa keenyaa xiyyeeffannoo fi ogummaan nan raawwadha jedhee kan qabate dameelee misoomaa shan keessaa dameen tuurizimii keessatti argama kan jedhan obbo Adam, hawattoonni uumamaa fi namtolchee biyya keenyatti argaman caalaa akka guddatan xiyyeeffannoon hojjetamaa akka jiru ibsaniiru.

Ayyaanni Shawaal Iid Yuuneeskootti galmaa’uunsaa sochii gama Tuurizimiin taasifamu cimsuun fayyadamummaa fooyya’aa akka guddisu himanirru.

Murteen seena qabeessi kun magaalaan Harar magaalaa biyya keenyaa Hambaalee lama Yuuneeskootti kan galmeessifte qofeessa yemmuu taatu biyyi keenya Itiyoophiyaanis hambaalee hedduu addunyaatti galmeessisuun Afriikaarraa dursarratti akka argamtu akka ishee taasisu waan ta’eef gammachuun keenya guddaadha jedhan.

Fuulduras kabajni ayyaana kanaa caalaa bareedee akka ittifufuu fi miidhaginnisaa beekamtii idil addunyaa karaa madaaluun akka adeemsifamu, magaalattiinis iddoo turizimii filatamtuu akka taatu akka paartii badhaadhinaatti hojii hojjennu akka itti fufnu ibsuun barbaada jechuusaanii odeeffannoon fuula marsariitii paartii badhaadhinaarraa argame nimul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015