Gaaffii ummataaf deebii sirrii kennuu keessatti hanqinni hoggansa mul’atu ni sirreeffama - ENA Afaan Oromoo
Gaaffii ummataaf deebii sirrii kennuu keessatti hanqinni hoggansa mul’atu ni sirreeffama

Sadaasa 26/2016 (TOI) - Gaaffii uummataaf deebii sirrii haala uummanni barbaaduun kennuuf hanqinootaa ilaalchaa, akkasuma raawwii hojiirratti hoggantoota sadarkaan jiratti mul'atu furuuf gamaggamnii fi hojiin adda baasuu hojjetamuu akka barbaachisu Pirezidaantiin naannoo uummatoota Kibba lixa Itoophiyaa doktar injinar Nagaash Wageeshoo beeksisan.
Hooggantoonnii Mootummaan Naannoo Ummataa Kibba Lixa Itoophiyaa naannoo hanga aanaatti jiran waltajjii gamaggamaa haala waqtaawaarratti xiyyeeffate magaalaa Boongaatti geggeessaa jiru.
Waltajjiin gamaggamaa kun adeemsa siyaasa naannichaa yeroo ammaa qoratee madaaluun hojiiwwan sadarkaa sadarkaan gaggeeffaman keessatti tokkummaa yaadaafi gocha uumuuf kan qophaa’e ta’uus Pirezidaantiin naannichaa beeksisaniiru.
Itti waamaan olaanaan mootummaa naannichaa obbo Tsaggayee Maammoo akka jedhanitti, erga naannichi hundeeffamee as hooggansa duudhaalee, mul’ata fi ergama Paartii Badhaadhinaa sirnaan bahachuu fi hojiirra oolchuu danda’u ijaaruuf hojjetamaa tureera.
Rakkoon ilaalcha hoggansa bira ammaas jiru dafee sirreeffamuu akka qabus hubachiisaniiru.
Leenjiin ijaarsa dandeettii adda addaa kennamus, waltajjiin kun hanqinoota ammas mul’achaa jiran sirriitti baasuun furuun haala danda'amurratti qophaa’uu ibsaniiru.
Waltajjii gamaggamaa kanarratti hoggantoonni naannoo, godinaalee, aanaalee fi magaalotaa hirmaataa kan jiran yoo ta’u, waltajjiin kun guyyoota afran itti aanuuf kan itti fufu ta’uu odeeffannoon Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii Mootummaa Naannoo Ummatoota Kibba Lixa Itoophiyaa irraa argame ni mul’isa.