Mariin biyyaalessaa nageenyaa fi misooma mirkaneessuuf qooda guddaa qaba-Komishinar obbo Malaakuu Waldamaaram

Sadaasa 26/2016 (TOI)- Mariin biyyaalessaa nageenyaa fi misooma Itiyoophiyaa waliigalaa mirkaneessuuf qooda guddaa akka qabu Komishinariin marii biyyaalessaa  obbo Malaakuu Waldamaaram ibsan.

Komishinichi naannoo Itiyoophiyaa Kibbaatti leenjii qaamolee tumsitootaa magaalaa Walaayittaa Sooddootti kennuu jalqabeera.

Komishinariin komishinii marii biyyaalessaa obbo Malaakuu Waldamaaram leenjicha wayita jalqabsiisan akka jedhanitti, nageenyaa fi misooma waliigalaa biyya keenyaa mirkaneessuuf mariin kun qooda guddaa qaba.

“Waldhabdee fi walitti bu’iinsi akka hinuumamne gochuu akkasumas yoo uumamanis qabbaneessuun nageenyaa fi misooma biyyattii waliigalaa ajandaa mariikanaa isa olaanaadha” jedhaniiru.

Kun ammoo komishinaroota komishinicha jala jira 11 qofaan kan milkaa’u waan hintaaneef leenjichi qaamolee tumsitootaa dhimmicharratti hubannoo qabsiisuuf kan kaayyeffate akka ta’e himaniiru.

Mariin kun akka biyyaatti waliigalteerra gahuuf filmaata gaarii akka ta’e dubbataniiru.

Mariin kun eenyuufiyyuu osoo hinloogiin faayidaa biyyaa waliigalaa eegsisuuf kan kaayyeffatedha jedhaniiru.

Qaamoleen hirmaattotaa godinaalee, aanaalee fi nulchiinsota magaalaa naannichatti argaman keessaa kan walitti dhufan 700 leenjicharratti hirmaachaa akka jiranii fi guyyoota sadiif akka turu eerameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015