Qooda fudhatoonnii miidiyaa hawaasummaa fi rogeeyyiin hawaasaa duudhaa cimaan durfamuun ijaarsa biyyaa keessatti gahee isaanii bahuu qabu

Sadaasa 26/2016 (TOI) - Qooda fudhatoonnii miidiyaa hawaasummaa fi rogeeyyiin hawaasaa duudhaa cimaan durfamuun ijaarsa biyyaa keessatti gahee isaanii bahuu akka qaban Ministeerri Nageenyaa hubachiise.

Mata duree ''Bu'uuralee ijaarsa biyyaa'' jedhuun qooda fudhatoota miidiyaalee hawaasummaa fi rogeeyyii hawaasaaf kan qophaa'e waltajjiin marii magaalaa Adaamaatti taasifamaa jira.

Deetaan Ministira Nageenyaa obbo Taayyee Danda'aa waltajjii kanarratti akka himanitti; lammileen fayidaa fi eenyummaa waloo irratti beekumsaa fi hubannoo gahaa akka qabaatan gaheen fayyadamtoota miidiyaa hawaasummaa fi rogeeyyii hawaasaa olaanaadha.

''Biyyi kan ijaaramu hogganaa tokko gammachiisuuf ykn paartii siyaasaa tokkoof jecha miti'' kan jedhan obbo Taayyeen saba, amantaa, eenyummaa, Afaan, aadaa fi yaanni sabdaneesuummaa eenyummaa jiraatus '' ijaarsa biyyaa fi duudhaa waloo irratti Itoophiyaa kan hundaa taate mirkaneessuu qabna'' jedhaniiru.

Kanaaf fayyadamtoonni miidiyaa hawaasaa fi rogeeyyiin hawaasaa eenyummaa biyyaaleessaa fi faiydaa waaraa hubatanii duudhaa sirriin durfamuun ijaarsa biyyaa keessatti gahee isaanii akka bahan obbo Taayyeen hubachiisaniiru.

Keessaayyuu '' walitti dhufeenya fi tokkummaa uummataa cimsuu irratti hojjechuu qabu'' jedhaniiru. Kanaafis fayyadamtoonnii miidiyaa hawaasaa fi rogeeyyiin hawaasaa hubannoo waloo qabachuu qabu jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015