Dubartoota Warshaa Buddeena Lammii keessa hojjetaniif walitti hidhaminsa gabaa cimsuuf deeggarsi ni taasifama - ENA Afaan Oromoo
Dubartoota Warshaa Buddeena Lammii keessa hojjetaniif walitti hidhaminsa gabaa cimsuuf deeggarsi ni taasifama

Sadaasa 26/2016(TOI) - Kantiibaa magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebee fi Ministirri Hojii fi Ogummaa Mufaariyaat Kamiil Warshaa Buddeena Lammiitti dubartoota carraan hojii uumameef warshichatti argamuun daawwatan
Daawwannaa kanaanis warshichi dubartootaaf carraa hojii uumuun cinaatti buddeenni warshaa kanatti oomishamu buddeena sadarkaa isaa eeggate, qulqullina fooyyee qabeessa ta'e kan qabu, Xaafii akka galteetti kan fayyadamuu, haallii oomishaa isaa karaa qulqullina qabuun kan oomishamu ta'uu hubachuu ministirri Hojii fi Ogummaa himaniiru.
Dubartoonni warshichi carraa hojii uumuuf maatii kan bulchaan waan ta'aniif carraa hojii uumuun dabaltatti gabaa tasgabbeesuu keessaatti gahee olaanaa kan qabudha jedhaniiru. Kanaaf waajjirri isaan walitti hidhamsa gabaa isaanii cimsuu keessaatti deeggarsa barbaachisu kan taasisuuf ta'uu eeraniiru.
Kantiibaan magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebees Ministirittiin warshaa kanatti argamuun dubartoota warshicha keessa hojjetan jajjesuu isaanii fi deeggarsa barbaachisuus taasisuufiif fidhii qabchuu isaaniif galateeffachuu ragaan waajjira Kantiibaa magaalaa Finfinneerra argame ni mul'isa.