Itiyoophiyaan ‘BRICS’tti makamuunshee ittifayyadama waloo mirkaneessuuf qooda olaanaa qaba - ENA Afaan Oromoo
Itiyoophiyaan ‘BRICS’tti makamuunshee ittifayyadama waloo mirkaneessuuf qooda olaanaa qaba

Sadaasa 26/2016 (TOI) - Itiyoophiyaan ‘BRICS’tti makamuunshee hariiroon dippilomaasiin biyyoota hedduu akka guddatuu fi ittifayyadamni waloo akka mirkanaa’u qooda olaanaa akka qabaatu inistiitiyuutii dhimma alaatti qorataan olaanaa dhaabbilee biyyoota hedduu Tasfaayee Booyyessaa dubbatan.
Itiyoophiyaan miseensa ‘BRICS’ ta’uunshee faayidaa qabuu fi faayidaa biyyaa waliigalaa ilaalchisuun TOI’n ogeessa olaanaa inistiitiyuutichaa waliin turtii taasiseera.
Inistiitiyuutii dhimma alaatti qorataan olaanaa dhaabbilee biyyoota hedduu Tasfaayee Booyyessaa, Itiyoophiyaan ‘BRICS’tti makamuunshee faayidaalee hedduu akka qabu himaniiru.
Kanneen keessaa keessumaa faayidaan waltajjii dippilomaasii olaanaa ta’uu eeranii, dippilomaasiin biyyoota hedduu Itiyoophiyaan hordodtu akka cimuu fi ittifayyadama waloof murteessaadha jedhan.
Dhageettii fi fudhatamni Itiyoophiyaa sochii dippilomaasii addunyaa keessatti akka guddatu ‘BRICS’ gumaacha mataasaa qaba jedhaniiru.
Yaaliin dippilomaasii Ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad taasisan Itiyoophiyaan miseensa ‘BRICS’ ta’uun gama dippilomaasiitiin akka milkooftu taasiseera jedhan.
Itiyoophiyaan yaalii dippilomaasii taasiftu cimsuun keessumaa waltajjiiwwan ardiirratti Afriikaa bakka bu’uun qoodashee dursummaa sirnaan bahuu fi faayidaa biyyaalessaa eegsisuuf kan gargaaru ta’uu himaniiru.
Itiyoophiyaa fi biyyoonni miseensa ‘BRICS’ biroon misoomuuf dandeettii bal’aa waan qabaniif walitti hidhamiinsi kun akka cimu qooda olaanaa akka qabaatus dubbataniiru.
Itiyoophiyaan ‘BRICS’tti makamuunshee hariiroon ippilomaasii biyyoota hedduu akka guddatuu fi ittifayyadamni waloo akka mirkanaa’u murteessaa ta’uu eeraniiru.
Hanqina sharafa alaa furuuf ‘BRICS’ filaama tokko akka ta’e ibsanii, daldallii fi invastimantiin akka guddatu murteessaa ta’uu dubbataniiru.
Yaa’ii idilee 15ffaa ‘BRICS’ Hagayya 2015 Afriikaa Kibbaatti taa’ameen Itiyoophiyaa dabalatee Arjantiinaa, Gibxi, Iraan, Saa’udii Arabiyaa fi Emereetonni Araba Gamtoomanii gaaffiin miseensa ‘BRICS’ ta’uuf gaafatan fudhatama argachuunsaa niyaadatama.