Ayyaanni Shawaal Iid naannoo Harariitti kabajamu hambaa addunyaa ta’uun galmaa’e - ENA Afaan Oromoo
Ayyaanni Shawaal Iid naannoo Harariitti kabajamu hambaa addunyaa ta’uun galmaa’e

Sadaasa 26/2016 (TOI)Ayyaanni Shawaal Iid hambaa addunyaa ta’uun Yuuneeskootti galmaa’uusaatti baga gammaddan jedhan bulchaan bulchiinsa naannoo Hararii Ordiin Badrii.
Haala Kanaan Harariin hambaalee lama Yuuneeskootti galmeessisuun kutaalee biyyattii keessaa kan jalqabaa ishee taasisa jedhan.
Ayyaanni Shawaal Iid hambaa addunyaa hinqabamne 5ffaa ta’uun Yuuneeskootti galmaa’eera.
Duudhaalee miidhagaa Itiyoophiyaan qabdu keessaa akkaataan kabaja Shawaal Iid hambaa addunyaa ta’uun galmaa’uunsaa baay’inni tuuristootaa akka dabalu taasisuurra darbeebiyyattii beeksisuuf akka gargaaru odeeffannoon komunikeeshinii naannicharraa argame nimul’isa.
Mootummaan naannichaas hambaa addunyaa kan ta’e ayyaana Shawaal Iid eeguuf kutannoon akka hojjetu kan ibsan bulchaan bulchiinsa naannichaa hambaan kun Yuuneeskootti akka galmaa’u qaamota gumaacha taasisan galateeffataniiru.