Ayyaana guyyaa saboota, sablammootaa fi ummattootaa sababeeffachuun agarsiifni daldalaa fi Baazaariin magaalaa Jigjigaatti baname - ENA Afaan Oromoo
Ayyaana guyyaa saboota, sablammootaa fi ummattootaa sababeeffachuun agarsiifni daldalaa fi Baazaariin magaalaa Jigjigaatti baname

Sadaasa 25/2016(TOI) - Ayyaana guyyaa saboota, sablammootaa fi ummattootaa sababeeffachuun agarsiifni daldalaa fi Baazaariin magaalaa Jigjigaatti baname.
Ayyaanni saboota, sablammootaa fi ummattootaa Itiyoophiyaa18ffaa har’aa kaasee guyyoota walitti aanan shaniif taateewwan addaddaatiin nikabajama.
Sadaasa 25 “guyyaa obbolummaa” jedhamuun sagantaa taasifamaa jiruun dorgommiin fiigichaa kiiloomeetira shanii magaalaa Jigjigaatti kan adeemsifame yemmuu ta’u, itti aansuun agarsiifni daldalaa fi Baazaarii banameera.
Itti aanaa bulchaa bulchiinsa naannoo Somaalee Ibraahiim Usmaan, agarsiisa daldalaa fi baazaaricha bananiiru.
Hooggantoonnii fi miseensonni mana maree federeeshinii, hooggantoonni mootummaa naannoo Somaalee fi hirmaattonni biroon sagantaa baniinsaa kanarratti argamaniiru.
Ayyaanni guyyaa saboota, sablammootaa fi ummattootaa magaalaa Jigjigaatti kabajamaa jiru mata duree “sabdaneessummaa fi walqixxummaan tokkummaa biyyaaf” jedhuun qophiilee addaddaatiin kabajamaa jitra.
Itti fufuunis Sadaasa 26 guyyaa sabdaneessummaa, Sadaasa 27 guyyaa waloomaa, Sadaasa 28 guyyaa ida’amuu,Sadaasa 29 guyyaa Itiyoophiyaa jechuun moggafamanii kabajamuun ittifufa.