Dargaggoo Biiniyaam Admaasuuf beekamtiin umrii guutuu kenname - ENA Afaan Oromoo
Dargaggoo Biiniyaam Admaasuuf beekamtiin umrii guutuu kenname

Sadaasa 25/2016 (TOI) - Paarkii biyyoolessa gaarreen Baaleef lubbuu isaa tokkitti wareegama kan taasise dargaggoo Biiniyaam Admaasuuf beekamtiin umrii guutuu kennameera.
Paarkiin biyyoolessa gaarreen Baalee hambaa kiliya addunyaa ta'ee dhaabbiidhaan galmaa'uu isaa sababeeffachuun sagantaan beekamtii Roobee Baaletti geggeffameera.
Sagantaa beekamtii fi paarkicha daran beeksisuu kaayyeffate kanarratti qooda fudhattoonnii fi namoonni dhuunfaa beekamtii argataniiru.
Kanneen saganticharratti beekamtii argatan keessaa kan dargaggoo Biniyaam Admaasuu beekamtii addaa ti.
Balaa ibiddaa paarkicha mudateen bineensota paarkicha keessa jiraatan baraaruuf jecha Bitootessa 1 bara/ 2007 lubbuusaa qaalii wareegama godhuu seenaa jireenya isaarraa hubachuun danda'ameera.
Dargaggoon Biiniyaam wareegamus seenaan inni hojjatee yeroo hundaa dhalootaan niyaadatama.
Badhaasa umrii guutuu kan fudhatan abbaan dargaggoo Biniyaam, Obbo Admaasuu Qaccinee paarkiin ilmi koo lubbuu ofii qaalii kenneef beekamtii idil- addunyaa arggachuu isaatti gammachuun koo dachaa dha jedhan.
Sagantaa beekamtiirratti kan argaman Ambaasaddar Naasisee Caalii ergaa dabarsaniin, gootonni qabeenya uumamaa yeroo kamuu niyaadatamu jedhan.
Hambaalee uumamaa fi nam-tolchee biyyaa kunuunsuun bu'aa biyyaatiif akka oolan hunduu tumsuu qaba jedhan.
Paarkiin biyyaalessa gaarren Baalee argama laggeen akka waabee shabalee, Dumaal, yaadot keessaa kan burqan yoo ta'u, bineensota akka jeedala diimtuu, gadamsa baddaa fi kanneen birootiin kan badhaadhee akka ta’e nibeekama.