Lafa oomisha gannaatiin misoomerraa amma ammaatti oomishni lafa heektaara miiliyoona 8 tuqaa 7 irra ture sassaabamreera

Sadaasa 25/2016 (TOI) – Bara oomishaa 2015/16 afa oomisha gannaatiin misoome heektaara miiliyoona 17 tuqaa 5 keessaa amma ammaatti oomishni lafa heektaara miiliyoona 8 tuqaa 7 irra ture sassaabamuusaa ministeerri qonnaa ibse.

Ministeerichatti hojiiraawwachiisaan gaggeessaa misooma midhaanii Isaayyaas Lammaa TOI’f akka ibsanitti, bara oomishaa kana lafa heektaara miilioyoona 17 tuqaa 5 misoomsuun oomisha kuntaala miiliyoona 513 argachuuf karoorfamuu ibsaniiru.

Haala Kanaan lafti heektaara miiliyoona 17 tuqaa 54 facaafamuu eeranii, kana keessaa oomishni lafa heektaara miiliyoona 8 tuqaa 7 ol irra jiru sassaabamuusaa ibsaniiru.

Haala Kanaan oomishni kuntaala miiliyoona 84 gombisaatti galuusaa eeranii, haalli qilleensaa amma jiru oomishaaf mijataa ta’uusaa dubbataniiru.

Bara oomishaa kana lafti heektaara kuma 78 sanyii filatamaa baay’isuuf  ooluu eeraniiru.

Qabannaa fi sassaabii oomisha boodaa ilaalchisuun hojiiwwan hubannoo qisaasa oomishaa oolchan hojjetamuu ibsaniiru.

Hojii hubannoon cinaatti fayyadamummaa teeknooloojiibal’isuuf hojjetamaa akka jiru dubbataniiru.

Bara oomishaa 2014/15 midhaan kuntaala miiliyoona 480 sassaabamuun niyaadatama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015