Bara bajataa 2016 amma ammaatti namoonni kuma 120 ol hojiif biyya alaatti ergamaniiru - ENA Afaan Oromoo
Bara bajataa 2016 amma ammaatti namoonni kuma 120 ol hojiif biyya alaatti ergamaniiru

Sadaasa 25/2016 (TOI) - Bara bajataa 2016 amma ammaatti namoonni kuma 120 ol hojiif biyya alaatti ergamuusaanii ministirri hojii fi dandeettii Mufariyaat Kaamiil ibsan.
Mootummaan biyyoota addaddaa waliin waliigaltee mallatteessuun lammiileen hojii biyya alaa filatan karaa seera qabeessaa deemanii akka hojjetan haala mijataa uumaa jira.
Itiyoophiyaan Libaanoos, Jordaan, Kuwaataar fi Emereetota Araba Gamtoomanii waliin waliigaltee hojii biyya alaa uumuun karaa seera qabeessaa akka hojjetan hojjechaa jira.
TOI’n dhimmicharratti ministira hojjetaa fi dandeettii Mufariyaat Kaamiil haasofsiisee, bobbaatiin hojii biyya alaa nageenyi lammiilee eegamee akka hojjetan carraa uumuusa ibsaniiru.
Lammiilee hojiif biyya alaa deeman qofaaf jiddugaleessonni leenjii 94 qophaa’ee akka leenji’an taasifaaakka jiru dubbataniiru.
Leenjichis dandeettii afaanii kan ittigabbifatan, maallaqasaanii sirnaan akka bulchan, odeeffannoo biyya dhaqanii akka qabaatan fi dandeettii teeknooloojii akka itti guddifatan ta’uun ibsameera.
Biyyoota lammiileen dhaqanii itti hojjetan baay’isuuf hojjetamaa akka jiru eeranii, keessumaa jiddugaleessa bahaa, Awurooppaa fi Isiyaa rraa fedhiin hojii dhufaa akka jiru ibsaniiru.
Kana malees ogeessota leenjii akaakuu addaddaa fudhatan erguuf qophiin taasifamaa akka jiru ibsanii, hojmaanni baatii tokkotti nama kuma 38 erguu dandeessisu uumameera jedhan.
Itiyoophiyaan Jordaan, Kuwaataar, Emereetota Araba Gamtoomanii fi Saa’udii Arabiyaa waliin waliigaltee seera qabeessa mallatteessuun karaa seeraan alaa ergaa jirti jedhaniiru.
Kana malees kaampaaniiwwan dhuunfaa Jarman waliin dubbachuun hojiin biyya alaa kennamuusaa eeranii, bara bajataa 2016 amma ammaatti lammiilee kuma 120 ergamaniiru jedhan.