Kabajamuun guyyaa sabootaa fi sablammootaa cimina waliigaltee biyyaalessaa fi tokkummaa biyyaaf faayidaa qaba- miseensota mana maree - ENA Afaan Oromoo
Kabajamuun guyyaa sabootaa fi sablammootaa cimina waliigaltee biyyaalessaa fi tokkummaa biyyaaf faayidaa qaba- miseensota mana maree

Sadaasa 25/2016 (TOI) - Kabajamuun guyyaa saboota, sablammootaa fi ummattootaa waggaa waggaan kabajamuunsaa cimina waliigaltee biyyaalessaa fi tokkummaa biyyaaf faayidaa olaanaa akka qabu miseensonni mana maree Gaamoo ibsan.
Guyyaa kana sababeeffachuun miseensonni mana maree TOI’n haasofsiise akka jedhanitti, ayyaanni kun kabajamuunsaa duudhaaleen sabaa fi sablammootaa akka beeksifamanii fi waloomasaanii agarsiisuuf akkasumas cimina waliigaltee biyyaalessaa fi tokkummaa biyyaaf faayidaa olaanaa qaba.
Kanneen keessaa walitti qabaan koree dhaabbataa dubartootaa fi dargaggootaa dhimma hawaasummaa mana maree godina Gaamoo obbo Daani’eel Daarzaa sabdaneessummaa keessummeessuun nageenyii fi misoomni egeree akka dhufu gumaacha olaanaa akka qabaatu ibsaniiru.
Itiyoophiyaan aadaa, duudhaa bareedaa fi kennaa uumamaa qabdi kan jedhan obbo Daani’eel, kanneenitti fayyadamuu fi gabbina sirna demokiraasiif oolchuuf ayyaanichi qooda guddaa bahaa jiraachuu beeksisaniiru.
Sabaa fi sablammoonni rakkoolee walitti bu’iinsa kaasuu danda’an waloomaan furanii ijaarsa nageenya biyya keenyaaf qoodasaanii akka bahan dubbataniiru.
Ummanni Itiyoophiyaa jaalalaa fi kabajaan waldanda’ee jiraachuun ala filannoo akka hinqabnee fi sabdaneessummaa obbolummaa gabbisuun haqa waloo mirkaneessuu qaba jedhaniiru.
Af-yaa’iin mana maree ummataa magaalaa Arbaa Minc adde Xurunash Tasfaayee, guyyaan kun ummanni aadaa fi duudhaasaa akka beeksisu,muuxannoo akka waljijjiiru akka walbeekuu fi hariiroosaa akka cimsu nigargaara jedhan.
Mirgi filuu fi filatamuu, yaada bilisaan ibsachuu, qabeenya horachuu fi mirgi jiraachuu sabaa fi sablammootaa heera mootummaan kan mirkanaa’e waan ta’eef adeemsaan guddisuun fi gabbisuun sirnaan ittifayyadamuu barbaachisa jedhan.
Guyyaa ayyaan sabootaa sablammootaa fi ummattootaa 18ffaa mata duree “sabdaneessummaa fi walqixxummaan guddina biyyaaf” jedhuun Sadaasa 29 bara 2016 naannoo Somaalee magaalaa Jigjigaatti kabajuuf qophiin taasifamaa jira.