Naannichii farra malaanmaltummaa cimsuun dhaloota malaanmaltummaa balaaleffatu uumuuf qindoominaan ni hojjetama - ENA Afaan Oromoo
Naannichii farra malaanmaltummaa cimsuun dhaloota malaanmaltummaa balaaleffatu uumuuf qindoominaan ni hojjetama

Sadaasa 24/2016 (TOI) - Naannoo Kibbaa Itoophiyaatti qabsoo farra malaanmaltummaa cimsuun dhaloota hanna balaaleffatu uumuuf kan hojjetamu ta'uu manni maree naannichaa beeksise.
Naannichatti guyyaan farra malaanmaltummaa ''Malaanmaltummaan diina waloo keenya gamtaan irratti haa qabsoofnu'' mata duree jedhuun godina Gedee'oo magaalaa Dillaatti kabajamaa jira.
Af-yaa'iin mana maree naannichaa aadde Tsahaay Warasoo akka himanitti; naannichaatti malaan matummaan lammileen tajaajila haqa qabeessaa fi fayyadamoo misoomaa akka hin taane rakkoo ta'eera.
Bu'uurra malaanmaltummaa rakkoo naamusaa ta'uu eeranii naannichi qabsoo farra malaan maltummaa cimsuun dhaloota malaanmaltumma balaaleffatu uumuuf waloon qabsaa'uu qabna jedhaniiru.
Keessayyuu obbotiin Gadaa, dursitoonni dhaabbilee amantaa, hawaasni siivilii fi dhaabbileen barnootaa dirqama dursummaa qaban karaa seera bahuu qabu jedhaniiru.