Siyaasaan Itoophiyaa karaa sabdaneesummaa walqixa keessummeessuun ilaalamuu qaba - ENA Afaan Oromoo
Siyaasaan Itoophiyaa karaa sabdaneesummaa walqixa keessummeessuun ilaalamuu qaba

Sadaasa 24/2016 (TOI) - Tokkummaa biyyaalessaa Itoophiyaa cimsuuf siyaasinni Itoophiyaa karaa sabdaneesummaa walqixa keessummeessuun ilaalamuu akka qabu Daarektarri Barsiisa Heeraa fi Federaalizimii Dr. Hayileyaasuus Taayyee himan.
Guyyaan saboota, sablamootaa fi Uummatoota Itoophiyaa 18ffaan bor irraa eegalee guyyoota shaniif walitti aanee Magaalaa Jijjigaatti mata duree '' Sabdaneesummaa fi waliqixummaa tokummaa biyyaalessaaf'' jedhuun sagantaa adda addaan ni kabajama.
Guyaan shanan kunis Sadaasa 25 guyyaa obbolummaa, Sadaasa 26 guyyaa Sabadeenessummaa, Sadaasa 27 guyyaa waloomaa, Sadaasa 28 guyyaa Ida'amuu, Sadaasa 29 guyyaa Itoophiyaa mata duree jedhuun kabajama.
Kana ilaalchisuun Doktar Hayileyasuus Taayyee TOI waliin turtii taasisaniiru.
Dr. Hayileyaasuus ibsa isaniin guyyaan saboota, sabalamootaa fi uummatoota Itoophiyaa waggoota darban kabajaman sabdaneesummaa tokkummaa biyyaa cimsuuf caalaa haala garaagarummaa bal'isuutu irraa calaqisa ture jedhaniiru.
Ta'uus garuu guyyaa saboota sablammootaa fi uummatoota Itoophiyaa 15ffaa irraa eegalee garuu tokkummaa biyyaalessaa cimsuuf carraa fooyyee qabeessa taasisuuf tattaaffiin taasifamaa jira.
Itoophiyaan biyya sabdaneessa taatus, sirna sabdaneessuummaa walqixaa keessummeessuu osoo hin jiraaniin turameera jedhaniiru.
Sirni siyaasaa darbe sabdaneesummaa garaagarummaan kan ittiin uumamuu malee tokkummaa biyyaalessaa kan cimsu hin taasifne ture jedhaniiru.
Kanaaf Tokkummaa biyyaalessaa Itoophiyaa cimsuuf siyaasinni Itoophiyaa karaa sabdaneesummaa walqixa keessummeessuun ilaalamu qaba jedhaniiru.
Itoophiyaa badhaate, qaxanichaatti sadarkaa idil addunyaatti dhaabba kan uumtu taasisuuf sabdaneesummaa haala dhimma itti bahuun barbaachisaadha jedhaniiru.
Uummannii walooma waggoota hedduuf qabaachaa ture cimsatee, garaagarummaa caalaa tokkummaa akka cimsatuu fi heeraa fi sirna federaalisimee sabdaneessaarratti hubannoo gahaa akka qabatu hojjechuun barbaachisaadha jedhaniiru.