Hooggansi beekumsa, muuxannoo fi dandeettii leenjii irraa argate hojiirra oolchuun jijjiirama qabatamaa fiduu qaba - ENA Afaan Oromoo
Hooggansi beekumsa, muuxannoo fi dandeettii leenjii irraa argate hojiirra oolchuun jijjiirama qabatamaa fiduu qaba
Sadaasa 24/2016 (TOI) - Hoggansi beekumsa, muuxannoo fi dandeettii leenjii irraa argame hojiirra oolchuun jijjirama qabatamaa fiduuf of qopheesuu akka qabu Itti aanaan Pirezidaantii Paartii Badhaadhinaa fi itti gaafatma Wajjira Jiddugalaa waajjirichaa obbo Adam Faraaha
Obbo Adam Faraaha adeemsa leenjii ijaarsa dandeettii miseensota hoggansa mootummaaf giddugala leenjii Jinkaatti kennamaa jiru irratti argamuun ergaa dabarsaniiru.
Leenjiin haala kanaan itti fufiinsaan hooggansa mootummaaf kennamaa jiru tokkummaa ilaalchaa, yaadaa, dandeettii fi gochaa kan mirkaneessu ta’uu ibsaniiru.
Dabalataanis leenjiin kun hooggansa imala jijjiirama, misoomaa fi badhaadhina biyyattii keessatti eegalame galmaan gahuu danda’u kan uumu ta’uu ibsaniiru.
Obbo Adam leenjiin ijaarsa dandeettii kun faayidaa gurguddaa afur akka qabu eeraniirun; Kaayyoon guddaan yaadama biyyaalessaa, milkaa’ina akka biyyaatti hanaga ammaatti argame, qoramaata mudatanii fi kallatti furmaataa irratti ilaachi walfakaataan akka jiratu kan uumudha jedhaniiru.
Hoggansi dirqama biyyaalessaa karaa gahumsa qabuun akka bahuuf beekumsa, dandeetii fi muuxannoo barbaachisu carraa ittin horatu ta'uus ibsaniiru.
Leenjiin ijaarsa dandeettii sabdaneesuummaa karaa cimsuun kennamaa jiru kun walii waliin akka wal barruu taasisuun rakkoof furmaata waloo akka finnu ni gargaara jedhaniiru.
Dabalataan leenjiin kun imaala garagaraa imaaluu dhiifnee tokkumma akka qabaannu kan taasisuudha jedhaniiru.
Hirmaattonni leenjichaas beekumsa, muuxxannoo fi dandeettii leenjicha irraa argatan hojiirra oolchuuf of qopheesuu qabu jedhaniiru.

