Hoggansi kan madaalamu gaaffii ummataa deebisuuf hojii hojjetee fi bu'aa galmeesseen - ENA Afaan Oromoo
Hoggansi kan madaalamu gaaffii ummataa deebisuuf hojii hojjetee fi bu'aa galmeesseen

Sadaasa 24/2016 (TOI) - Hoggansi kan madaalamu gaaffii ummataa deebisuuf hojii hojjetee fi bu'aa galmeesseen ta'uu Pirezidaantiin naannoo Hararii obbo Oradiin Badirii ibsan.
Manni Maree Mootummaa Naannoo Hararii guyyaa har'aa waltajjii marii taa'aa akka jiru odeeffannoon Wajjira Kominikeeshinii nannichaarra argame ni mul'isa.
Kaayyoon waltajjii kana kan ijoon hoggantoota sekata hojii mootummaa haarichaatti haaraa muudamanii fi buleeyyii ta'aniif qajeelfama hojii fi kallatti gara fuula duraa kaa'uuf kan qopha'ee ta'uun himameera.
Pirezidaantiin naannichaa qajeelfama hojii kennaniin gaheen hoggansa kutannoon ummata tajaajiluu fi dhaabileen ergama isaanii karaa sirriin bahanii bu'a qabeessaa akka ta'an taasisuudha jedhaniiru.
Kanaaf qaawwa jiru guutuu fi cimina dhaabbata tokkoon tokkoon isaanii cimsuun barbaachisaa dha jedhaniiru
Itti fayyadama yeroo fi kenniinsa tajaajilaa irratti jijjiirama bu’uuraa fiduun xiyyeeffannoo caasaa mootummaa hundaa ta’uu qaba jedhan.
Hojimaata idilee irraa fooyyessuun hojimaata haaraa diriirsuun gaaffii uummataaf saffisaan deebii kennuun keessumaa komii dhaabbilee adda addaarratti gama garaagaraan kan furuun barbaachisaadha jedhaniiru.
Raawwii hojii bu’a qabeessa ta’e mirkaneessuuf fedhii fi kaka'umsii hojii jiraachuu barbaachisaa ta'uu eeranii; kana keessaatti naamusni hojii fi hoggansa waloo jirachuun barbaachisaadha jedhaniiru.
Hoggansi gama gaaffii ummataa deebisuun hojii fi bu’aa argameen kan madaalamu ta’uu ibsuun, adeemsa kana keessatti qooda fudhattoota hunda hirmaachisuun ni barbaachisas jedhaniiru.