Itoophiyaan misooma magaalaa jijjirama qabeenya qilleessaaf hin jilbeeffannee babal'isuuf damee invastimantii dhuunfaa ni barbaaddi - ENA Afaan Oromoo
Itoophiyaan misooma magaalaa jijjirama qabeenya qilleessaaf hin jilbeeffannee babal'isuuf damee invastimantii dhuunfaa ni barbaaddi
Sadaasa 24/2016 (TOI) - Itoophiyaan misooma magaalaa jijjirama qabeenya qilleessaaf hin jilbeeffannee babal'isuuf damee invastimantii dhuunfaa kan barbaaddu ta'uu Ministirri magaalaa fi bu'uuralee misoomaa Caaltuu Saanii beeksisan
Ministirittiin marii qaama yaa'ii Kop-28 Dubaayitti geggeeffama jiruu kan ta'e irratti Itoophiyaan misooma magariisaa jijjira qabeenya qilleensaaf hin jilbeeffannerratti hojii hojjechaa jirtu ilaalchisuun muuxannoo qoodaniiru.
Waltajjii marii kanarratti deetaan ministira Pilaanii fi misoomaa doktar Nabarraa Gabayyoowu fi Itti annaan hoji geggeessaa 'Itoophiyaa Invastimanti Hordiin' Malakat Saahiluu Itoophiyaatti Misooma magaalaa jijjirama qabeenya qilleensaa hin jilbeeffanne safisiisuuf dameen dhuunfaa gahee qabu ilaalchisuun hirmaatota marichaaf ibsa kennaniiru.
Misooma magaalaa jijjirama qabeenya qilleensaaf saaxilamaa hin taane mirkaneesuuf tekinolojiin kan deeggarame, odeeffannoo gahaa kan qabuu fi misoomni magaarsaa itti fufinsa qabu dirqama ta'uu ministir Caaltuu Saaniin eeraniiru.
''Humana haaromaa cimsuu, Tekinolojii hojiirra oolchuu, itti fayyadama himnaa walgichisiisuu fi qabeenya uumamaa eeguu akkasuma faalama qilleensaa xiqqessuu ce'umsa misoomaa mirkaneessiiif mul'ata biyyaa qabna'' jedhaniiru.
Dameen dhuunfaa hojii invastimantii haala qabeenya qilleensaa ilaalcha keessa galchee akka hojjetan mootummaan deeggaruuf qophii ta'uu beeksisaniiru.