Miseensonni mana maree bakka bu’oota ummataa pirojektii babal’isa dhaabbilee fayyaa daawwatan

Sadaasa 24/2016 (TOI) - Miseensonni mana maree bakka bu’oota ummataa pirojektii babal’isa dhaabbilee fayyaa biiliyoona lamaa oliin magaalaa Finfinneetti ijaaramaa jiran daawwataniiru.

Pirojektoonni kunneen hoospitaala magaalaa Finfinnee jalatti argaman kan ministeera fayyaatiin ijaaraman akka ta’e ibsameera.

Ministirri fayyaa doktar Liyaa Taaddasaa, itti aantuu af-yaa’ii mana maree bakka bu’oota ummataa loomii Badhoo dabalatee miseensonni mana matee biroon daawwannaa kanarratti argamaniiru.

Doktar Liyaa Taaddasaa pirojektoota ilaalchisuun miseensota mana mareef ibsa kennaniiru.

Pirojektoonni ijaarsarra jiran jiddugaleessota waldhaansa onnee, kaansarii fi kanneen biroo kennan ta’uun ibsameera.

Pirojektoonni kunneen bajanni birrii biiliyoona lama akka qabameef eeranii, siree kuma tokkoo ol akka qabaatan dubbataniiru.

Ijaarsi pirojektootaa wayita xumuramu damee fayyaatiin keessumaa tajaajilli waldhaansaa dhukkuboota hindaddarbinee gumaacha olaanaa akka qabaatu ministirittiin ibsaniiru.

Kaayoon daawwannichaa haala pirojektoonni kunneen irra jiran ilaaluun deeggarsaa fi hordoffii barbaahisu taasisuuf akka ta’e beekameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015