Guyyaan saboota sabalamootaa fi uummatoota Itoophiyaa 18ffaa sababeeffachuun Finfinneetti feestivaalli aadaa geggeeffama jira - ENA Afaan Oromoo
Guyyaan saboota sabalamootaa fi uummatoota Itoophiyaa 18ffaa sababeeffachuun Finfinneetti feestivaalli aadaa geggeeffama jira
Sadaasa 23/2016 (TOI) - Guyyaan saboota sabalamootaa fi uummatoota Itoophiyaa 18ffaa sababeeffachuun Finfinneetti feestivaalli aadaa geggeeffama jira
Feestivaalichi magaalaa Finfinnee addabaabayii michummaatti mata duree "Sabdaneesummaa fi walqixummaa tokkummaa biyyaaf'' jedhuun geggeeffama jira.
Feestivaalicharratti hirmaatoonni aadaalee ,nyaata aadaa, uuffata aadaa fi sirboota aadaa saboota sabaloomtootaa fi uummatoota dhiheessaniiru.
Feestivaala aadaa kanarratti kantiibaa magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebee dabalatee af-yaa'iin manneen maree naannoolee fi bulchiisoota magaalootaa, jiraatoonni magaalichaa fi keessummoon waamichi taasifameef argamaniiru.